Description
KOLLEEJJII SAAYINSII HAWAASAA FI NAMMUUMAAMUUMMEE AFAANII FI OGBARRUU OROMOO GABAASA QORANNOO ULAAGAA DIGRII JALQABAA GUUTAACHUUDHAAF QOPHAA’E QAACCESSA KOOTTUU DHUFEE OROMOO GODINA ARSII LIXAA AANAA ARSII NAGEELLEE QORATAAN:- DASSALEENY FARANJEE GORSAAN:- BARSIISAA ALII KADIIR DIILLAA, ITOOPHIYAA WAXABAJJII ,20092017 BOQONNAA LAMA Sakatta’a Ogbarruu 2.1 Meeshaalee Aadaa Meeshaaleen aadaa dameewwan fooklooriin gurguddoo arfan ( duudhaa hawaasaa, afoola, aartii sochii hawaasaa fi meeshaalee aadaa) keessaa isaan tokko ta’anii kan hawaasni tokko dhimmoota jireenya isaa keessatti ittiin dhimma isaa adda addaaf olfatuudha. Kana ilaalchiseen Fiqaadee (1991) kitaaba isaa Amaariffaa keessatti afoolli, duudhaawwan hawaasaa, meeshaalee aadaa fi aadaan sochii qaamaa dameewwaan fookloorii akka ta’an ibseera. Meeshaalee aadaa hawaasa tokkoo akkaatama dhimma garagaraatiif oolaniin laakkofsaan heddu .Kanumarratti hundaa’aniis gosa adda addaatti ramadamuu danda’u. Meeshaaleen aadaa kunniin tajaajila adda addaa kennan irraa ka’uun gosa heddutti qoodamu. Isaanis meeshaalee aadaa ogummaa harkaa fi aartiiwwanii, aadaa ijaarsaa, uffata aadaa, aadaa nyaataa, aadaa taa’umsa lafa, aadaa bareedina mana keessaafaa ni eeramu.( Moojula Seensa Fokloorii 2006) Sabni Oromoo meeshaalee aadaa ittiin beekamu gosa adda addaa baay’ee qaba. Kanneen ogummaa harkaa fi aartii, uffannaa, ijaarsaa, nyaataa, midhaagina mana keessaa ta’aniifi ulfoo ta’uun tajaajilan har’as itti gargaaramaa jira. Meshaaleen ulfoo aadaa Oromoo kan hawaasichi aadaa/amantiisaa ittiin ibsatu safuu fi seera uumaa uumamaa kan ittiin eeggatuudha. 2.1.1 Meeshaalee Ulfoo Aadaa Oromoofi Gaheesaanii Meeshaale ulfoo aadaa Oromoo kan jedhaman kan kabajaa fi seera addaa qabaniif safeeffatamaniidha. Isaanis kan aadaa ykn amantii Oromoo keessatti bakki guddaan kennamaniif fakkeenyaaf kan akka kallachaa, bokkuu, siinqee, caaccuu fi callee fa’a dha. Bakka heddutti akka duritti hunduu bifa walqaixa ta’een itti tajaajilamuu haa dhiisuu malee ammas dhiibbaa aadaa yookaan amantii alagaa fi ammayummaa waliin walfalmaatuma hojii irratti argamu.Isaan gadii fudhannee ilaaluu dandeenya. KALLACHA :- Ulfoo aadaa yookiin Waaqeffannaa guddaa fi isa hangafaati kallachi. Akka amantii yookaan aadaa Oromoo Waaqeffannaatti ulfoo guddaa waaqaa gaditti sodaatamuufi safeeffatamuudha. Inni duraa sibiila qorsa (Comet) bakakkaa waliin waaqaa akka bu’etti amanama. Dur bakka bakakkaan itti bu’e aanan sa’a gurraachaa itti dhibaafachuun bokkuu waliin kan argame akka ta’eefi dura waaqaa akka bu’etti himama. Kallachi yoo bobba’u seeraa fi kabajaa guddaadhaani.Kunis , dhiiga malee hin socho’u, isa durattis sobaan hin kakatamu. Kan kana raawwate hin hoffolu.Innis dhimma nagaa fi araaraa qofaaf oola.Bara hoongeen hammaate malkatti (tullutti) bobbaafamee Waaqani ittiin kadhatama.Yoo namni wal qajjeessee araaramuu dide ittiin araarsu.Namni isaan kadhatame immoo hin didamu.Dhimma dhuunfaatiif oolfachuun hin danda’amu.Kallacha addaan itti hin deeman yoo farad yaabatanii deemaa jiraatan irraa bu’uun nu hoffolchi itti irreeffachuun bira darbu. (Ilaalcha Oromoo 2012) Kallachi mallattoo amantii Oromoo (Waaqeffannaa) dhiira hangafaatiin adda irratti godhatamuudha.(Daaniyaa 6400:461) Kallachi meeshaa aadaa ulfoo amantii safuu guddaa qabuu fi hunda caalaa sodaatamuudha.Mallattoo amantii Oromoo Waaqeffannaati.Akkasumas mallattoo nagahaa fi araaraati. (Dimdimoo 2015:32/3) Akkuma olitti hubatame kallachi mi’a ulfoo haalli isaa yoo ilaalamu akka qaama saalaa dhiiraa ta’ee safuu/ seera guddaa qabuudha. CAACCUU:- Caaccuun meeshaa aadaa ulfoo aadaa fi faaya dubartii hangafaa Oromooti. Akkuma kallachi dhiira hangaafaatiif oolu caaccuun immoo kallacha dubartiiti.Innis gogaa goromsaa irraa elellaan sagal, sagaliin tarree galee tolfama. Elellaan birattis colleentolfama. Innis eebbaaf malee abaarsaaf hin bahu. Siinqee waliin araaraa, nagahaa, roobaa, fayyaa, hormaataa kadhannaaf tajaajila. Woraana jidduu yoo haati caaccuu siinqee waliin qabattee seente lolli ni dhaabbata. Haati caaccuu kan ilmi gadoome dandeettii aadaa amantii fi qalbii qabdu dubartootaan ilaallamtee kan filamtuta’a .( Ilaalcha Oromoo 2012: ) Caaccuun meeshaa ulfoo Ateeteen ittiin qajelefamtu keessaa tokko.Osoo amma gogaa irratti elellaanii fi colleen hin tolfamin dura dur ija harbuu irraa hojjatama ture. Ija harbuu guuruun fooyaa keessa baasuudhaan dubartiin gateettii ishee irraa asii gadi jigsitee ateetee facaafatti . Kunis, akkuma harbuun al tokkoon ija heddu naqatu mallattoo hormaataa akka ta’uuf hawii qaban ittiin ibsatu. ( Dimdimoo 2015:34/5) Akkuma kallachi qanaan isaa qaama ormaataa dhiraan walfakkeeffame caaccuun immoo qaama hormaata dubartii kan fakkeeffame mi’a ulfoo hormaata agarsiisuudha. BOKKUU:- Bokkuun mi’a ulfoo aadaa Oromoo kan mallattoo aangoo ta’eedha. Inni jalqabaa kallacha waliin akka waaqaa bu’etti amanama. Seeraa fi kabaja guddaahaa qabaatuu malee akka kallachaatti hin sodaatamu. Inni ulee abbaa gadaatiin qabatamu malalttoo aangoo mul’isuudha.Abbaan gadaa bokkuu qabatee seera tumame labsa. Yeroo ammaa immoo bokkuun ni magarfatama. Kunis, muka gaarii ilaaluun bocamee miidhagee tolfama. Bokkuun mallattoo Gadaa naannoo adda addaati.Inni tokko naannoo isaatii bahee laga hin ce’u.Tasa yoo ce’es falaa fi faloo qaba.( Ilaalcha Oromoo 2012 ). Bokkuun mallattoo aangoo bulchiinsa sirna Gadaati. Innis Abbaa Gadaatiin qabatamee seerri ummataan tumame dhangalaafama. Inni duraa waaqaa yoo bu’u, amma immoo ni magarfatu. Muka woddeessaa( ejersaa ) irraa tolfama. ( Aannoo 2010) Bokkuun meeshaa ulfoo adeemsa bulchiinsaa keessatti mallattoo aangooti.Tajaajilli isaas heddu .Meeshaa amantii hoogganus ta’ee tajaajila. Inni duraa sibiilarraa kan tofalmee fi waaqaa bu’e jedhama.Amma garuu Oromoon muka gaarii ilaalee bocee tolfata.Innis kabaja guddaa qaba. Yeroo baay’ee walitti bu’iinsa ummataa ka’uuf kan lubbuu namaa fi sa’aa balleesuufi duula gosoota Oromoo jiddutti godhamu balleessuuf baha. Kanaaf akka jaarmiyaa araaraa tokkotti kan fudhatamuudha. Kana malees, weerarri diinaa yoo dhufes labsii ittiin godhuuf oola.( Dimdimoo 2015:32) Bokkuun mallattoo aangoo ulee Abbaa Gadaa gara mataa kollobbatee qabannisaa qal’atuu fi yeroo walgahii caffee taa’an qabatanii dhiyaatan.( Daaniyaa 6400:454) Bokkuun gara gubbaa qaama saalaa dhiiraa yoo fakkaatu gara jalaa immoo qaama saalaa dubartii fakeeffamee mallattoo hoormaata /dhalli ittifufu mul’isuudha. SIINQEE:- Siinqeen ulee sororoo qajeelaa irraa tofamtu taatee mallattoo heerumaa fi mirga dubartoonni Oromoo aadaadhaan qaban agarsiiftuudha.Kabajaa fi saalfii guddaa qabdi.Akka ulee biroo ittiin loon hin dhayani.Seeraa fi woyyoomaaf qabatu.Kan seerri dubartootaaf tumame ittiin kabajamuu fi eenyummaan isaanii ittiin beekamuudha. Uleen siinqee kunsi qal’oo dheertuu qajeeltuu ija ija hin qabne hojjaa dubartiitiin qixa kan bifa uumamaan qabdu irraa hanga tokko jijjiiramte, qaqooftuu, diimtuu, simooftuu taatee fi mataa irraas gogaa loonii qabduudha. (Dimdimoo 2015:35 /6) Siinqeen ulee qal’oo dheertuu qajeeltuu dirraan wal qixxooftuukan ijoo hin qabne muka akka harooressaa irraa tolfamtuu fi dubartii heerumteen mirgaafi seera isaanii ibsuuf mallattoo taatee tajaajiltuudha. (Aannoo 2010:155) CALLEE:- Calleen akkuma caaccuu mallattoo araaraa fi hormaataati. Dubartoonni dhalaa fi horii naaf kenni jedhanii callee halluu adda addaa qabu wal keessamakaniibareechanii morma, mataa, addaa fi harka isaanii irratti hidhatu. Calleen kan eegale akkataa mukti harbuu ittiin ija godhatu ilaaluudhaan waaqayyo akkuma ija harbuu caaccesse dubartiillee dhalaan , qabeenyaan caaccessa jechuudhaan ija harbuu guuranii fooyatti diranii hidhatu ture. Caaccuu dandeettii fi umuriidhaan dubartii filatamtutu ittiin jifaarata. Callee garuu shamarranis martuu ittiin jifaarrachuu ni danda’u. Calleen meeshaa jabaataa waan ta’eef haadha irraa intalatti darba.Akkanaan bareedaa fi tottolaa dabaree ta’ee dhaloonni dhaloota dhufuuf waliif daddabarsa. (Ilaalcha Oromoo 2012:_____) . Calleen meeshaa ulfoo warri ayyaantuun ittiin gargaaramu yoo ta’u wantoota akka geengoo bifa garaagaraa irraa hojjatamu ta’ee halluuwwan gurraacha, diimaa, adii, magarsiisaa fi kan biroo fa’aan tolfamee dhiyaatuudha.Halluuwwan kunniinis hiika qabu. Gurraachi mallattoouumaafi ol’aantummaa waaqaati,diimaan dagaaginaafi ga’umsa ykn bilchina( dargaggummaa) ibsa.Adiin immoo ulfina (umuriin jaaruu) dulloomuu yoo agarsiisu mallattoo araaraa fi nagahaa jedhamee fudhatama. (Dimdimoo 2015:32) BUURANA:- Buuranni meeshaa ulfoo waaqaa bu’eedha jedhamee amanama. Buuranni kan boca geengoo ykn luggee qabdu taatee xixqqoo walakkaan uraa qabduudha. Yeroo naay’ee ijoollee xixiqqotu lafaa argata malee nama guddaaf hin argamtu jedhu. Sababni isaas ijoolleen qulqulluu waan taateef ijooletti mul’atti jedhamee amana.Ijoolleen dirree keessaa buurana argatte kunis namoota gadaa qabaniif kenniti.Buuranni malalttoo aangoo xumuraati. Kunis, namoonni gadaa keessa turan gara lubummatti ce’uu isaanii kan ittiin beeksifatan yoo ta’u aangoo xumuruuf jiini jaha yoo hafu mataa walakkaatti rifeensa keessa baasuun hidhatu. Buurana walitti kaa’uun sadarkaa gadaa tokkoo gara biratti cee’uu waan agarsiisuuf guyyaa gaafa sanaa dhuganii nyaataanii gammachuudhaan dabarsu. (Dimdimoo 2015:33/4) KONTOMA:- Meeshaalee ulfoo aadaa sibiilota bakkakaa waliin waaqaa bu’an jedhamanii amanaman keessaa isa tokkoodha. Kontomni sibiilota xixiqqoo boca garagaraa qaban sagal of keessaa qaba. Isaanis, dhagaraa, qirixii, mutaa, qadhabaa, albee, burrusa, qabduu, haamtuu fi qottoodha. Salgan kontomaa yeroo maraa addaan hin bahan. Kontomi meeshaa ulfoo qaalluun ykn ayyaantuun ittiin gargaaramu ta’ee yeroo baay’ee waaqa kadhaaf oola. ( Dimdimoo 2015:34) QORXII FI SABAROO:- Qorxiifi sabaroon meeshaalee migira irraa hodhamaniidha. Meeshaaleen kun hangaan wal haa calanii malee bifuma tokkoongolbeeffamanii hodhamu. ( Dimdimoo 2015:35) Qorxii:- ulfoo ateetee hodhaa migiraa golboo fi guddaa kan ayyaana ateetee fi marqaa jifuu itti guutaniid. Sabaroo:- Ulfoo ateetee hodhaa mirgiraa guddaa golboo dhadhaa muudaa itti buusaniidha. ( Daaniyaa 6400:464/5) HALANGAA (HALANGEE) :- Namoonni ( sabni) addunyaa kana irratti seera garagaraa baafatanii isaan of bulchan seera kana yoo baafatan mallattoo isaallee waliin kaayan. Fakkeenyaaf burruusaan minjaala rukutuun murtii murteessffatu . Rukuttaan kunis, murtii kenname kana itti wolii galle, yaada jeshu mul’isa. Oromoonis alangaa qaba.Alangeen yeroo sirna Gadaatiin caffetti seerri tumamuu fi bultotti seerri dhangala’u waan burruusni mootummaa hojjatu hojjatti. Halangaan sirna gadaatiin seera qabdu gogaa roophii irraa hojjatamti. ( Aannoo 2010:155) Halangeen kan murtiichaatiin ala kan qaalichaa / abbaa amantii jedhamtuu fi kabajaa guddaa fi safuu guddaa qabduus ni jirti. Wantii adda taatuun miya meeta jedhamu ofirraa kan qabduu fi qaamni isis kan faayameedha. QANAFAA:-Qanafaan mallattoo deettuun takka deettuu ta’uu isii kallacha/ addarratti hidhatuun ittiin beekkamtuudha.Intalti takka qanafaa soddaatii (haadha abbaa manaa ofii) fayyadamuu dandeessi.Deettuun takka qanafaa hennaan hidhattu gaafa nafa isii dhiqattuudha. Guyyaan isiin nafa dhiqattu immoo ayyaantuudhaan itti himama. Yookiin immoo deettee gaafa guyyaa afurii yookiin shanii ta’uu danda’a.Nafa dhiqannaan seera mataa isaa qaba. Dubartiin qanafaa hidhatte hin arrabsamtu, hin dhaanamtu gama hundaanuu mirgi isii kabajamaadha. Walumaagalatti, qanafaan dubartii deessuu kabajaa fi woyyooma isii goonfachiisuu irra darbee mirga isii kan eegsisuuf, kan dubartii waliif birmachiisee rakkoo isaaniitiif furmaata akka argatan godhu waan ta’eef deebi’ee kunuunfamuu qaba. (Aannoo 2010:156) CIICOO:- Ciicoon qabee mi’a akka buqqee, suphee fi kan biroofa irraa elellaaniin miidhagdee hojjatamtu yoo taatu irra caalaadhaan siinqee waliin qabatamti.Ciiciin qabee aannaniiti.Kunsi hormaataa fi nageenya agarsiisa. (Aannoo 2010:155) FIIXORAA:- Fiixoraan miya ulfaa aadaa Oromoo kan gaafa horii guddaa /baajii irraa akka qabee waa itti buusuuf tolutti tolfamee gaafa ayyaana ulfoofi eebbaa ittiin eebbisuuf daadhiin /bookni itti naqamee /qicamee hangafoonni achi keessaa unaa ittiin biifuudhaaf kan ooluudha. Oromoo Arsii Lixaa biratti maqaa kanaan waamama.Tarii gara biraatti moggaasa biraa qabaachuu mala.Innis guyyaa ayyaanootaa fi eebba jamaa baya malee guyyaa biraatiif hin oolu. (Obboo Gammadoo Caamsaa 2008) BORAATII:- Kessattuu Oromoo Arsii biratti meeshaalee aadaa keessaa boraatiinis miya seeraa fi kabaja addaa qabduudha. Muka jabaa ejersaa, heexoo fi woddeessaa irraa akka namni tokko boraafatutti ogeessaan tofamtee callee fa’aan faayamtee dhiyaatti . Tajaajilli isii boraafannaadhaaf ta’ee, ta’us inni ijoon immoo sirna raawwii fuudhaa fi heerumaatiif oolti . Kunis gaafa cidhaa kennee worra worroomanii/ bultii ijaaratanii taatee sirnnicha irraa wantoota hin dhabamne keessaa tokko.Mallattoo woliin jireennaa taatee hangsaan waliin turan erga turee booda gaafa isaan du’aan adda bahan kan caccabduudha. ( Aaddee Boontuu Caamsaa 2008 ) KABALAA CAWATAA(HAYAATAA):-Meeshaalee ulfoo aadaa Oromoo keessaa kabalaan cawataa/ hayaataa/ isa tokko ta’ee kan yeroo sirna cawataa / hayaataa harka lamaaniin qabachuun walitti rukutuudhaaf sirnichaaf hojiirra ooluudha. Innis muka jabaarraa ogeessaan bocamee miidhagee tolfamuun dhiyaata. Wati kabalaa biraa (sirbaa) irraa adda isa godhu kun kanuma sirna kanaaf olu ta’ee mi’a meeta jedhamu kan sibiila irraa tolfamee fi qiqqiinxaa saddeet qabu waliin walitti hidhamee argamuu isaati. Kunis akka s agalee mi’a gaarii akka walitti dhageesisuuf oluufi. Hanga gaaf / guyyaa sirna kanaa kabajaadhaan kaayama. ( Obboo Mi’eessoo Caamsaa 2008) Walumaagalatti, meeshaalee ulfoo aadaa Oromoo kanneen olitti tarreeffama qofa osoo hin taane gosa Oromoo heddu biratti kan argaman baay’etu jiru. Kanaaf qorannoon kunis isaan kanaafi kan biroo akka godina Arsii Lixaa aanaa Shaashamanneetti argaman sakatta’uun kan itti qaacca’eedha. BOQONNAA SADI MALLEEN QORANNOO 3.1 MALA DHIYEESSA QORANNICHAA Qornanoon kun kan gaggeeffameen mala qorannoo akkamtaa ykn qulqullaa’inaa jedhamuun beekamuuni. Kana jechuunis, odeeffannoowwan kan ibsamaniin bifa laakkofsaatiin osoo hin taane jechootaani. 3.2 Madda Odeeffannoo Galma ga’iinsa qorannoo tokkootiif maddi odeeffannoon irraa argamu dhimma ijooti. Kanaaf qorannoon kun madda odeeffannoo lachanuu (madda sadarkaa tokkoffaa fi lammaaffaatti) dhimma gahameera. Namnno (jiraatonni) aanaa Shaashamannee fi naannoo ishee madda odeeffannoo sadarkaa tokkoffaa yoo ta’an, kitaabbileen dhimma qorannoo kanaan wal qabatan sakatta’amanii dhiyeetan immoo madda odeeffannoo sadarkaa lammaffaati. 3.3. Mala Iddatteessuu Qorannoon kunkan fuulleffate hawaasa aanaa Shaashamanneerrattiidha.Malli iddatteessuu itti gargaarame immoo iddattoo al-carraa ta’ee mala iddattoo kaayyeffataatiini.Innis namoota muuxannoo fi beekumsa waa’ee meeshaalee ulfoo aadaa Oromoo qabaniirratti hundaa’uun gaaffilee (marii) dhiyaaterraayyi. Sababni malli kun (kaayyeffataa) dhimma itti bahameefis akkuma taaa osoo hin taane namoota waa’ee kanarratti odeeffannoo ykn hubannoo gahaa qabana jedhaman irratti hundaa’uun kallattimaan filachuudhaan gafaachuun odeeffannoon waan argamuufidha. Haaluma kanaan gandoota aanichi qabdu keessaa gandoota sadirraa namoota kudha afur fudhachuun ragaaleen funaannamaniiru.Tokkoon tokkoon gandootaa keessaa namoota afur, afur yoo filaman saalli isaaniis wal-qixa.Waajjiraalee Aanichaa fi Godinaa keessaa immoo beektota lama (dhiira tokkoo fi dubara tokko) itti dabaluudhaan waliigalatti namoota kudha afurtu ragaa kenne. 3.4 Meeshaalee Funaansa Ragaa Maddi ragaa fi iddattoo fudhataman irraa wanti ykn meeshaan ittiin odeeffannoon funaananmuun qorannichaaf murteessaa dha.Qorannoo kanaafis meeshaalee funaansa odeeffannoo jiran keessaa sadan gadiitiin ragaaleen funaannamaniiru. 3.4.1. Afgaaffii Gosa afgaaffii banaa ta’e gargaaramuun qorannoo kanaaf abboonni haawwonni lamaa fi beektonni waajjiraalee lama walitti qabaa namoonni jaha kallattiidhaan gaaffilee gaafatamaniif odeeffannoo kennaniiru. Isaanis, haala beekumsaa fi muuxannoo isaaniitiin ilaallamanii kan dhiyaatan ture. 3.4.2. Daawwannaa Qoeannoon kanaaf meeshaalee ulfoo aadaa Oromoo Aanaa Shaashamannee gosaa fi haala isaan irratti argaman daawwannaa hirmaannaa yookiin kallattii gargaaramuun haawwota sadii fi abboota afur bira deemuun ragaan funaannameera. 3.4.3. Marii Garee Odeeffannoowwan karaa afgaaffii daawwannaa cimsuuf ragaa gahaa ta’e argachuuf jecha haawwota jaha, abboota jahaa fi hojjattoota waajjiraalee lama walitti qabaa namoota kudha afur magaalaa Shaashamannee moonaa Waajjira barnootaa keessatti mariisisuun meeshaalee aadaa ulfoo aadaa Oromoo irratti odeeffannoon barbaachisu funaannameera. 3.5. Mala Xiinxala Ragaalee Qorannoo kanaaf hiikni ragaalee dhiyaatanii kara lamaan ilaalame. Isaanis, hiika odeeffannoo karaa ragaalee waa’ee meeshaalee ulfoo Oromoo barreeffamaan argaman sakatta’uunii fi inni lammataa immoo odeeffannoo karaa meeshaalee funaansa ragaatiin argaman qaacessuun hiikuu irratti xiyyeefate. BOQONNAA AFUR QAACCESSA, DHIYEESSAAFI HIIKA RAGAALEE 4.1. Qaaccessa Ragaalee (Odeeffannoowwanii) 4.1.1. Haala Qophii Meeshaale Ulfoo Aadaa Oromoo Haala qophii meeshaalee ulfoo aadaa Oromoo ilaalchisee gaaffii kallattiin odeefkennitootaaf dhiyaateen deebiin isaanii qindaa’ee dhiyaateera. Haaluma kanaan meeshaalee ulfoo aadaa kan qophaa’an ogeeyyii aadaa ogummaa warrasaanii irraa barataniin tolfamanii dhiyaatu. Wanti isaanirraa tolfamanis sibiila, muka, migira/ wiixaa/ , bu’aa bineeldotaa, callee, elellaanii fi kanaaf kan kana fakkaatan irraayyi. Bakki isaan itti tolfaman kutaa biyyaa bakka adda addaa magaalaa fi baadiyaa keessatti akka ta’e beekkameera. Meeshaaleen kunniin akeekaa fi akka itti qophaayan qabu. Kaayyoon isaan qophaa’aniif kabaja, seeraa fi safuu, uumaa fi uumamaa eeguu fi eegsisuuf ykn bakka bu’aa ( mallattoo) aadaa fi amantii ta’uufidha.Kanas akkuma boqonnaa lama keessatti tokko tokkoon ibsamerraa hubatuun danda’ametti tajaajilli isaaniis akkuma gosaa fi bifa meeshichaan baay’eedha. Akkaataan isaan ittiqophaayanis mi’a adda addaa olitti eeraman erga qophaa’anii adeemsa adda addaa keessa darbuun tolanii dhiyaatu.Meeshichis akka yeroo dheeraa itti toletti tajaajila barbaadameef ooluuf haala of eeggannoo fi sadarkaa isaa eeggateen ogeeyyii meeshaa ulfoo kana qofa tolchuu beekaniin midhaagee dhiyaate. Tokko tokko yeroo fi humna guddaas kan gaafatan waan ta’eef itti yaaduudhaanii fi of eeggannaadhaan qophaa’u . Meeshaaleen akka kanaan qophaa’an kunniinis kanneen akka kallachaa, caaccuu, siinqee, bokkuu, halangee, fiixoraa, ciicoo, qanafaa, calleewwan adda addaa fi kanneen biroo heddutu argamu.Akka Oromoo Godina Arsii Lixaa aanaa Shaashamannetti kan argaman immoo bokkuu, siinqee, ciicoo, fiixoraa, kallacha, callee, boraatii, qanafaa fi kan birooti. Daawwannaadhaan wanti xiinxallame yeroo bakka, akkaataa fi ogeessa meeshaalee kanneen tolchuarguudhaan hubatuun dadhabamus meeshaalee kanniin hedduu isaanii qaaman bira gahuudhaan qaqqabuu fi fakkii ( suuraa) isaaniis fudhachuun danda’ameera.Tajaajilli isaan kennanis achumaan hubatameera. Marii gareetinis haala qophii meeshaalee ulfoo kanneen irratti yaanni baay’een erga ka’een booda akkuma afgaaffii gubbaa keessatti dhiyaatetti yaaduma walfakkaatatu dhiyaate . Meeshaaleen kunneen akka isaan haala aadawaafi fooyya’aa ta’een qophaa’anii gola hambaa fi mana gurgutaatti akka dhiyaatan gochuun akka caalaatti beekaman taasisuun kan barbaachisuudha. 4.1.2 Ilaalcha Meeshaalee Ulfoo Aadaa Oromoo Irratti Gama Adda Addaatiin Jiru A. Ilaalcha gama aadaa:-Namootaaf/ odeefkennitootaaf afgaaffii dhiyaateen meeshaaleen ulfoo aadaa Oromoo gama aadaatiin ilaalchi jiru maal akka ta’eef deebii kennaniin adhallee kabajaa fi jaalalaan kunuunsuun baay’ee kan barbaachisuudha. Ibsituu saba tokkoo waan ta’aniif eeggannoon gaarii ta’e tasifamuufi qaba. Waa hundaa ol Waaqaa gaditti mallattoo uumaa fi uumamaa gochuun ilaalu. Yoo seera malee taasisanis ykn itti fayyadaman miidhatu isaan irra gaha. Daawwannaa fi marii gareetiinis wanti gama ilaalcha aadaatiin meeshaalee ulfoo aadaa irratti hubatame haala kabajaa fi sodaa guddaa ta’een bakka ol’aanaa kennamuutu irra jiraata. Ta’ullee akka duriitti hubannoo guddaan as irratti namoota aanichaa heddu biratti hin mudhatu. B. Gama Amantaatiin:- Meeshaalee ulfoo aadaa Oromoo heddurratti ilaalchi gama amantii adda addaa (keessattuu amantii Isilaamaa fi Kiristaanaa) jiru akkuma miya kamuu kan fudhatanii fi bakki addaa amantii kanniiniin kan hin kennamneedha. Ummanni Oromoo dur/ ganamarraa kaasee hanga ammaatti amantii isaa Waaqeffannaa (Oromee) qabu keessatti bakki isaaniif qabu daraan kabajaa fi soda ol’aanaadha.Mallattoo addaa amantii fi aadaa ofii godhatanii fudhatu. Amantiiwwan biroo ( Kiristaanaa fi Isilaamaa) waan alaa dhufaniif kanneen Oromoo kana ilaalcha mishaa adda ta’e hin kennaniifi.Haa ta’uu malee isaanis meeshaalee aadaa akka calleefaa dhimma itti ba’uun bakka jabaa kennuufi. Walumaagalatti gama afgaaffii daawwannaa fi mariiraa wanti hubatame meeshaalee ulfoo Aanaa oromoo irratti ilaalchi amantii Alaa seenanii haala kabajaa fi kunuunsu qabu osoo hin taane akka badanii fi hafan itti duulaaru. Haphisaniiranis.Akka amantii duudhaa Oromoo /Waaqeffannaatti immoo adhas kabajaa fi jaalalaan mallattoo isaanii ta’ee eegamaafii kunuunfamaaru. C. Gama Ammayyummaa/ Saayinsii :- Meeshaalee ulfoo aadaa irratti ilaalchi jiru maal akka ta’e gaaffilee kallattiin namootaaf ka’een deebiin isaanis wantoota yeroon fiduuf qabatamaa ta’e qofa akkasumas soda fi kabaja addaa guddaa ta’e kan hin kenanmneef ta’uusaa beekameera. Kunis akka ammayyummaa yookaan saayinsitti wanti ulfoo amantii kabaja addaa godhamee sodaatamuu fi ibsamu hin jiru kanaaf akkuma mi’a wayiitti fudhatamu. Karaa afgaaffii, daawwannaa fi mariitiin adda baheera. D.Gama Siyaasaatiin:-Meeshaalee ulfoo aadaa Oromoo gama siyaasaatiin wanta hawaasichi mallattoo addaa fi kabaja ol’aanaa kenneef ta’uusaa beekuun hubatameera. Ta’ullee haala beekamtii kennuufi kunuunsa adda ta’e kennuu irratti hojiin mul’atu jiraatus baay’ee miti.Hubannoon gahaan yookiin fedhiin hin jiru.Afgaaffii, daawwannaa fi mariirraa wanti argame walumafakkaata. 4.1.3 . Yoomessa Meeshaalee Ulfoo Aadaa Oromoo Haaluma meeshaalee funaansa ragaalee afgaaffii, daawwannaa fi mariitiin yoomessi meeshaalee ulfoo aadaa akka gaditti dhiyaateera.Afgaaffiidhaan ragaan namnoonni kennaniinmeeshaaleen aadaa ulfoo Oromoo guyyaa fi bakka itti hojii irra oolan mataasaanii qabu. Isaanis guyyaa akka ayyaana irreessaa fi eebba garagaraa akkasumas yeroo badhinnaa fi dhiphina hawaasummaa qofa kan bahan malee yeroo maraa miti. Keessattu meeshaaleen ulfoo akka kallachaa, caaccuu, bokkuu, halngee, siinqee , fiixoraa, qorxii fi sabaroo fa’a kanaan beekamu . Bakki itti isaan hojii irra olanis manatti, malkatti, tulluutti, dirretti/abdaaritti/bakka ayyaana gurguddoo Oromoo fi eebba/ kadhannaarrattiidha.Hanga guyyaa fi bakki isaan hojii irra oolan gahutti kabajaa fi sirnaan ansaadamu/ olkaayamu.Wanti daawwannaarraa hubatame meeshaaleen ulfoo aadaa kunniin gaafa hojii irra olaniif hanga bahaniif sirnaan bakka isaanii taa’uusaanii mirkanaayeera. Mariin taasifames yaaduma olii kanneen kan dhugoomsee dha. Meeshaaleen kunniin seeraa fi kabaja ol’aanaa qabu. Bakkuma taa’anittu tutuquu fi kaasuun ni sodaatama; hin ta’u. Keessatti kallachi, caaccuun, bokkuun, siinqeen, halangeen abbaa amantii yookaan Qaallichaa akka fakkeenyaatti ni eeramu. Kan qabatuu fi ittiin seera raawwatus worra beekaa / Abbaa Muudaa, Haadha Ateetee, Abbaa Gadaa fi kan birooti. Yeroo fi bakkasaanii malee yoo ittiin dhimma bahan hin hoffolan.Hajaan sunis hin ta’u. 4.1.4 . Haala Yeroo Meeshaalee Ulfoo Aadaa Oromoo Meeshaaleen ulfoo aadaa Oromoo sadarkaa adda addaatti ilaalchi isaaniif kennamu akka gadiitti dhiyaateera. I.Sadarkaa Maatiitti:- Meeshaaleen ulfoo aadaa Oromoo sadarkaa maatii ykn warraatti maal akka ta’e beekuuf gaaffiin daawwannaa fi marii gareetiin r agaaleen funaanamaniiru. Haaluma kanaanis, meeshaaleen aadaa hamma ta’e mana mana isaanii keessa jiraatuu ibsaniiru. Manniin namoota daawatamanii keessa immoo isaan ulfoo jennuun keessaa kan akka siinqee, halangee fi boraatii mana muraasa keessatti qofa argamu Isaan akka bokkuu, kallachaa, halangee qaallichaa, callee fi qanafaan gola hambaa aanichaa fi bulchiinsa Magaalaa Shaashannee keessatti ni argama. Marii adeemsifameen immoo yeroo ammaa kana meeshaaleen kunniin haphatuu isaanii irra darbee gandoota heddu keessaa sadarkaa baduu irra gahaniiru. Darbee, darbee boraatii qanafaa, siinqee fi kan biroo manneen namoota magaalaa fi baadiyaa fagoo keessatti qofa olkaayanamanii kan mudhatan ni jiru. II. Sadarkaa Hawaasa Aanichaatti:- Meeshaaleen ulfoo aadaa akka hawaasa aanaa Shaashamanneetti yoo ilaalaman haalli yeroo ammaa irra jiran yaaddessaadha. Gariin isaanii inumaa hin mudhatan.Fakkeenyaaf, kallachi, bokkuun, fiixoraa, halanqeen qaalichaa fi calleen ayyaanaa hin mudhatan. Kanneen akka halangee abbaa seeraa ykn murtii boraatii, siinqee, ciicoo, qanafaa, callee faayaa fi dhaqqee darbee darbee kaa’umsi isaaniillee toluu baatu ni argamu. Isaanis, dhiibbaa aadaa ykn amantii alagaa fi ammayyummaa jalatti kufuuniifi hubannoo dhabiinsa miseensota hawaasaatiin/ dhaloota haarawaan manca’aa jiru kanas, afgaaffii daawwannaa fi marii adeemsifameen beekuun danda’ameera. III. Sadarkaa caasaa Sirna Gadaa Naannichaa/ Aanichaatti Hanga adhaa kana turuun meeshaalee ulfoo aadaa kunniin irra caalatti worra caasaa sirna gadaa fi duudhaasaanii waliin jibbamaafi tuffatamaa qabatanii turan kanaani. Isaanis hanga tokko deeggarsa waajjira aadaa fi turiizimii jaarsummaa( dubbii) taasisaniin hanga kana socho’aa fi kan harkatti tursiisan ta’uusaanii hubatameera. Sababa adda addaatiinis warruma kana harkattuu kan hin mudhanne amma amma ni jiru. Ilaalcha miseensotuma hawaasichaa mataasaarraa kan ka’e meeshaalee kanneen dhiisaati uffannama aadaa yeroo heddu kan uffatanii hin argamne ta’uu xiinxalameera. IV. Sadarkaa Waajjiraaleetti :- Meeshaaleen ulfoo aadaa gama waajjiralee aadaa fi turiziimii aanichaa bulchiinsa aanichaa fi Magaalaa Shashamannetti meeshaalee aadaa biroo waliin karoorri qabatamee kunuunsuu fi walitti qabuun gola hambatti fiduuf tattaaffiin godhame guddaadha. Kanas gaaffii daawwannaa fi marii taasifameen adda baasuun danda’ameera. Meeshaalee aadaa akka Qorii, sabaree, Boraatii fi kan biroo waajjiralee kanniin keessatti fuuldura minjaalasaanii kaa’anii arguu danda’ameera. Isaan ulfoo ta’an heddus gola hambaa keessatti wolgahaniiru. BOQONNAA SHAN CUUNFAA, ARGANNOO FI YABOO 5.1 .CUUNFAA Meeshaalee aadaa qabatamaa harka ogeeyyii hawaasichaatiin tolfamanii dhalootaa dhalootatti daddarbaa kan as gahaniidha. Isaanis, ragaa qabatamaa aadaa, duudhaa, seenaa fi amantii saba tokkooti. Gosti isaaniis tajaajila adda addaa kennan irrattihundaa’uun baay’eedha. Kan uffannaa fi faayaa, ijaarsa manaa, kan nyaataa, kan ogummaa/ aartii harkaa fi kan kana fakkaataniidha. Oromoonis isaan kanneeniin ni beekkama. Meeshaaleen ulfoo aadaa hawasni kun qabu heddu. Isaanis mallattoo, duudhaa, amantii isaanii kan ta’aniif seeraa safuu uumaa fi uumamaa kan mudhisaniidha. Kan akka kallachaa, caaccuu, bokkuu, siinqee,callee,ciicoo,fiixoraa,halangee,qanafaafi kan biroo maqaa dhahuun ni danda’ama.Qorannoon kunis isaan kanneen qaaccessuu irratti kan xiyyeeffatee dhiyaateedha. Malli qorannichi ibsameen mala qorannoo akkamtaatiini. Maddi ragaalee madda ragaa sadarkaa tokkoffaa fi lammaffaati.Malli iddatteessaa immoo mala iddattoo carraan alaa keessaa mala iddattoo kaayyeffataatiini.Afgaaffii, daawwannaa fi mariin garee meeshaalee funaansa ragaaleen ittiin dhimma bahamaniidha. 5.2 . Argannoo Meeshaaleen ulfoo aadaa Oromoo Arsii naannoo Shaashamannee kanneen akka kallachaa , bokkuu, siinqee, callee, qanafaa, fiixoraa, halangee, boraatii, ciicoo fi kan biroo yoo ta’an isaanis ogeeyyii miya aadaatiin wantoota akka mukaa bu’aa bineeldotaa , suphee fi sibiilarraa bakka adda addaatti qophaa’uudhaan akka safuu fi soda uumaa fi umamasaaniitiif qaban amantii fi aadaa ittiin ibsachuuf kan oolfataniidha. - Ilaalchi meeshaalee kanneeniif gama adda addaatiin jiru ni mudhata.Gama aadaatiin ilaalchi jiru haala kabajaa addaa fi kunuunsa qabuun safuu fi soda guddaan kan kennamuuf yoo ta’u karaa amantii/ aadaa alagaa, ammayummaa fi siyaasaatiin kabajnii fi kunuunsi akkasumas safuun isaanii kan sirnaan eegamee miti. -Meeshaaleen kunniin yeroofi bakka isaaniif oolan qofaaf dhiyaatu ayyaanota gurguddoo Oromoo garagaraa, yeroo eebbaa/ kadhannaa fi dhiphinaa fi badhinnaa, mana, galma, malkaa, tulluu, dirree/ abdaarii fi bakka kana fakkaatanitti hojii irra oolu. - Haalli yeroo ammaa meeshaaleen ulfoo aadaa kunniin akka Aanaa Shaashamanneetti irratti argaman sadarkaa maatii, hawaasaa, worra caasaa sirna gadaa fi mootummatti yoo xinxallamu wonti gama caasaa sirna gandaa fi waajjiralee aadaa fi turiziimii aanichaa fi godinaa mishaadha. Kunuu gahaa miti. Kanaan ala gama adda addaatiin sochiin jiru laafaa dha. 5.3 . Yaboo/ Furmaata Meeshaaleen ulfoo aadaa oromoo waa’ee sabichaas ta’ee seenaa ummata gurraachaa beekuufis ta’ee qorachuuf murteessoo waan ta’aniif kan gadii taasifamuu qabu. - Woraqaan qorannoon kun baay’atee qaamota adda addaa ( mana dubbisaa, waajjiraalee aadaa fi turiiziimii fi kan biroo) keessa ol taa’uu qabu . - Kanarratti dhuunfaanis ta’ee gamtaan hawaasni waan isaa akka qabatuu fi hubannoo goonfatu sabqunamtiilee, dhaabbanni mootummaa fi miti-mootummaa deeggarsa cimaa gochuu qabu. - Ilaalchi sirrii meeshaalee kanneen irratti akka gabbatu hubbannoo woliinii cimsuu irratti hunduu gahee qaba. - Daangaa malee akka kanarratti hubannoon goonfatamu toora interneetaan tamsaasuu fi mala adda addaatiin woldhaqqabsiisuun taasifamuu qaba. Qorannoo kanas kana gochuuf qorataan murteesseera. Walumaagalatti, meeshaaleen ulfoo aadaa oromoo akka hin bannee fi hojii isaanii hin dhaabne nam-dhuunfaarraa kaasee hanga mootummaatti qorannoo irratti gaggeessuu hubannoo cimsuu fi ilaalcha sirreessuun murteessaadha. Waan ofiittu nama faaya. “ Miini ergisaa gala fokkisa,” jedhama mitiiree akka mammaaka Oromootti. Kanaafuu , miya keenya haa qabannuu; haa beeknuu; haa eegnu. 1.1 Seen-Duubee Qorannichaa Ummanni Oromoo ummata lafa bal’aa fi baay’inna guddaa qabuudha. Aadaan inni qabus immoo akkasuma baay’ee bal’aafi hedduu kan ta’eedha. Aaadansaakun baay’innaan gama barreeffamaatiin qoratamee hin dhiyaanne hedduutu jiru.Irra caalattis afoolaan daddarbaatuma kan dhufe ta’uun ifaadha. Ummatichi kan akka saba tokkootti kan ittiin beekkamuufi hardhas qaroominna ilmaan namaa keessatti isa ibsan wantoota baay’ee qaba. Kana ilaalachisees Dirribii Damusee (212:15)yoo ibsu,“ Ummanni Oromoo Sirna bulchiinsa Gadaa laakkofsa baraa‘dhahaa’,amantiisaa Waaqeffannaafik.k.f qabaachuusaatiin qarominna kana qabatee itti fuufuunsaa saboota addunyaa kanaa keessatti cimina guddaa fi fakkeenya gaarii kan ta’uudha. Ta’ullee immoo barreeffamaan qindaa’uun taa’uu dhabuun hanqinna guddaadha.” jedha. Dabalataanis Alamaayyoo fi kan biroo (1999:25) yoo ibsan, “ hanga yeroo dhiyootti ummanni Oromoo ummattoota biyya kanaa keessaa kan aadaa fi seenaansaa hin qorataminiidha.” jedhu. Kanaaf, qorannaan akkanaa barbaachisaadha.Fooklooriin damee barnoota guddaa waa’ee aadaawwanii fi kalaqa hawaasaa qoratuudha. Kanuma ilaalachisee Fiqaadeen (1991:5) Fooklooriin yoo ibsu,“ፎፎፎፎ ፎፎፎፎፎ ፎፎፎፎፎፎ ፎፎፎ ፎፎፎፎፎፎ ፎፎፎፎፎ ፎፎፎፎፎፎ ፎፎፎፎ ፎፎ ፎፎፎፎፎፎ ፎፎፎፎ ፎፎፎፎ ፎፎፎፎፎ”jedha. Kana jechuunisfookloorii aadaa hawaasaa tokko tursiisuuf eenyummaasaa barsiisuu fi hojii tokkotti kakaasuuf bu’aa guddaa qaba jechuun ibsa. Asuma keessatti itti dabaluun fooklooriin dameewwan akka afoolaa, duudhaawwan hawaasaa, meeshaalee aadaa fi aadaa sochii qaamaa of jalatti akka qabatu addeessa. Gama biraatiin immoo ‘world bookvol.7’( 1994:287) fookloorii yoo ibsu, “Folklore is any of the beliefs, customs and traditions that people pass on from generation to generation. Much folklore consists of ballads, fairly tales, folk tales, legends and myths. But folklore also includes art and craft, dances, games, nursery, rhymes, proverbs, riddles, songs , superstition and holiday religious celebration.” jedha. Yaada armaan oliirraa kan hubannu fooklooriin kan hawaasni kamiiyyuu amantaa, duudhaa fi barsiifatasaa dhalootaa dhalootatti ittiin dabarfatuudha. Innis kanneen akka arrabsoo, durdurii, fi kan biroo of keessaa qaba. Kana malees, ogummaa bobbocaa, shubbisa, taphoota, mammaaksa, hiibboo, sirba, milkii laallannaa, kabaja ayyaanota amantii of keessatti qabata. Kanarraa kan hubannu fooklooriin dameewwan akka meeshaalee aadaa, duudhaawwan hawaasaa, aartii sochii qaamaafi afoola jedhamuun dameewwana fur qabaachuu isaa argina. Meeshaaleen ulfoo aadaa Oromoo kanneen jedhaman damee fookloorii keessaa meeshaalee aadaa hawaasaa kan jedhu jalatti ramadamu.Meeshaaleen aadaa kunis heddu. Meeshaalee aadaa ogummaa harkaafi aartiiwwan, aadaa ijaarsaa, uffata aadaa, aadaa nyaataa, aadaa taa’uumsa lafaa, aadaa bareedina mana keessaafi kan biroo ni jiru. Meeshaalee ulfoo aadaa Oromookan ummaticha ibsuu fi kanneen kaanirraa adda isa godhan faayidaa garaagaraaf oolan akka durii ta’uu baatus har’as tajaajilaa jiru. Isaan kunneenis kanneen akka Kallachaa, Caaccuu, Bokkuu, Siinqee, Halangee, Qanafaa, Callee fi kan biroo kitaabilee akka Daaniyaa, Aannoo, Dimdimoo fi biroo heddu keessatti ibsamanii jiru. Beekan (2015:33) yoo ibsu, “Meeshaaleen ulfooOromoo Bokkuu, Kallacha, Buurana, Kontoma, Caaccuu, Qorxii fi Sabaroo, Callee, Siinqee fa’a dha.” jedha. Guutaa Abdiis (2010:145) yoo ibsu, “Akka amantii seera Oromootti wantootnni baramuu fi kabajamuu qaban 1.Bokkuu,2.Kallacha,3.Caaccuu 4.Callee,5.Alangaa,6.Siinqee 7.Ciicoo, 8.Qanafaa.” jechuun ibsa itti kenneera. Qorannichis isaanuma kanaaf kan biroo kan qaaccessu ta’a. 1.2.Ka’uumsa Qorannichaa Qorannoon kun meeshalee ulfoo aadaa Oromoo irratti kan xiyyeeffatuudha. Meeshaaleen ulfoo aadaa Oromoo beektota biyya alaatiinis ta’ee biyya keessatti kophatti bal’innaan qoratamanii hin jiran.Qorannoo aadaa fi seenaa Oromoo qoratame keessatti meeshaalee aadaa kunniinis hamma tokko kan ibsameefi barreeffamoota waa’ee duudhaa hawaasa Oromoo dhiyaatan keessatti heddu ni argamu. Wantootuma biroo waliin walitti qabanii kaa’uun alatti waa’ee meeshaalee ulfoo aadaa Oromoo adda addaa haala bal’aa ta’eefii gahuumsa qabuun wonti gama beektotaan dhiyaate bay’een hin jiru. Dhimma meeshaalee ulfoo aadaa Oromoo kanarratti gadi fageeyaan qorannoo gaggeessuun waa’ee meeshaalee ulfoo aadaa qofa osoo hin taane waa’ee hawaasichaas akka hubannoon argamuuf baay’ee nama gargaara.Haala jiruu fi jireenya hawaasichaa turee fi amma jiru beekuufis bu’aa qaba. Ka’uumsi qorannoo kanaas bu’aa meeshaaleen ulfoo aadaa Oromoo kennanqorachuudhaan gaaffii gadiitiif deebii barbaaduudha. Meeshaaleen ulfoo aadaa Oromoo eenyufaadha? Ilaalchi yookiin kabajnii fi seerri meeshaalee ulfoo Oromoo hawaasicha maalfakkaata? Yoomessi meeshaalee ulfoo aadaa akkami? Hirmaattonni meeshaalee ulfoo aadaa keessatti argaman eenyufa’a? Haalli yeroo ammaa meeshaalee ulfoo aadaa Oromoo naannoo Shaashamannee akkami? Fuulduraaf hoo akkam haa ta’u? 1.3 Kaayyoo Qorannichaa 1.3.1 Kaayyoo Gooroo Qorannichaa Meeshaalee ulfoo aadaa Oromoo Godina Arsii Lixaa Naannoo Shaashamannee haala isaan irratti argaman xiinxalluu ykn qaaccessuu. 1.3.2 Kaayyoo Gooree Qorannichaa Meeshaalee ulfoo aadaa Oromoo Arsii tarreessuu Ilaalcha ( kabajaa fi seera) meeshaalee ulfoo Oromoo addeessuu . Yoomessa meeshaalee ulfoo aadaa ibsuu Hirmaattota meeshaalee ulfoo aadaa tarreessuu Haala yeroo meeshaalee ulfoo aadaa naannoo Shaashamanneefi kallattii fuulduraa kaa’uu. 1.4. Daangaa Qorannichaa Qorannoon kun karaalee lamaan gadiitiin daanga’a:- Bakkaan:- Oromiyaa Godina Arsii Lixaa Aanaa Shaashamannee Qabiyyeedhaan:-Meeshaalee ulfoo aadaa Oromoo 1.5 Barabachisummaa Qorannichaa Qorannoon kun kanneen gadiitiif barbaachisa. Maalummaa fi bu’aa meeshaalee ulfoo aadaa ibsuun hubannoo namoota naannoof kenna. Hamilee waajjira Aadaa fi Turiiziimii Aanichaa jajjabeessuun hojii walfakkaataaf kakaasa Dhaabbilee fi namoota dhuunfaa mata-duree kana fakkaatu hojjataniif akka madda ragaa ta’uun gargaara. Eeggannoo fi kunuunis meeshaalee ulfoo aadaa naannichaa akka taasifamu godha. 1.6. Sakatta’a Ogbarruu Qorannoo kana waliin hidhata qabaniif akka ragaatti odeeffannoowwan cimsa kennan kitaabileen heddu ni argmu. Isaanis, kitaabilee akka Daaniyaa, Dimdimoo, Aannoo, Ilaalcha Oromoo fi kan biroo yoo ta’an, ragaaleen adda addaa gama waajjiraalee Aadaa fi Turiiziimii aanichaa fi Godinaatiin jiran kan dhiyaatan ta’u. 1.7.Madda Odeeffannoo Maddi odeeffannoo qorannoo kanaa Madda ragaa tokkoffaa :- hawaasa Godina Arsii Lixaa Naannoo Shaashamanneefi meeshaalee isaanii waliin . Akkasumas, hayyoota fa’a. Maddaa ragaalammaffaa:-barreeffamoota (kitaabilee) garagaraa, ragaawwan waajjiraalee aanichaa fi Godinichaa . 1.8 .Mala Iddattoo Iddatoon adeemsa jamaa tokko keessaa odeeffannoo argachuuf jama san keessaa namoota murtaa’aa filachuuti.Qorannoonkun qorannoo alcarraa keessaa qorannoo kaayyeffataan gaggeeffama. Kana ilaalchisees Kumar (2005:117) yoo ibsu,“Non probability sampling designs are used when the numbers of elements in a population is either unknown or can’t be individually identified”jedha. Kana jechuunis iddatteessuun mit carraa yeroo baay’inni jamaa hin beekamne yookiin tokko tokkoon addaan baasuufis rakkisaa ta’u kan fayyadamnuudha jecuudha. Qorannoo kanaaf ofumaa itti yaaduun qorataan namoota ragaa kennan kan itti filatuudha. Haaluma kanaan araddaalee Aanaa Shaashamanneen qabdu soddomii torba keessaa gandoota sadi (Awaashoo Dhanquu, Faajjii Soolee fi Huursaa Simboo) fudhachuudhaan namoota afur afur filadha. Akkasumas, waajjiraalee Aanaa fi Godinaa keessaa nama tokko tokkowalii galatti namoota kudha afur irraa odeeffannon ni funnaannama. 1.9Meeshaalee Funaansa Ragaa Qorannoo kanaaf meeshaaleen funaansa ragaa kanneen gadiiti. 1.9.1. Daawwannaa Meeshaalee funaansa ragaa keessaa daawwannaan qaamaan kan qorataa fi wanti qoratamu walqunnamuun hirmaattota irraa ragaan ittiin funaannamuudha.Qorannoo kanaafis daawwannaa hirmaannaa bifa qindaa’aa ta’een yaadannoo fi mi’a woraabbii gargaaramuun kan gaggeeffamu ta’a. 1.9.2. Af gaaffii Afgaaffii banaagargaaramuudhaan qorannoo kanaf odeeffannoon ni funaannama. Kunis hirmaattota filataman hundumaaf gaaffileen dursa qophaa’uudhaan jechoota walfakkaatoo fi tartiiba isaanii eeggatan namoota kudhaniif dhiyeessuudhaan ragaaleen ni funaannamu. Kana ilaalachisee Kumar (2005:126) akka jedha,“In a structureinterview the researchers asks a pre determined set of questions using the seem wording and order of questions as specified in the interview schedule.” kunis yaaduma olitti ka’e san ta’a. 1.9.3. Marii Garee Xiyyeeffannoo Qorannoo kanaaf namoota dhimmi ilaallatu bira deemuudhaan beellama qabsiifachuudhaan dhimma kanarratti gaaffilee tokko tokko kaasuun marii adeemsisuun ragaaleen quubsaa ta’ana rgachuuf tattaaffiin ni godhama. Mala ilaalchisuun Daani’elii fi kanneen biroo(2009) yoo ibsan,“Malli mariigaree gosa af gaaffii ta’ee namoota garagaraa kan wal hin beekne filachuun odeeffannoo gabbataa fi barbaachisaa ta’e argachuuf gargaara jedhu. Kanaaf namoota gandoota sadii fi waajjiraalee garagaraa kudhanii magaalaa Shaashamannee eddoo wol gahii Magaalaa Shaashamannee eddoo wolgahii abbootii Gadaatti mariin waliin taasifamee odeeffannoon funaannama. 1.10 Qindeeffamaa fi Mala Qaaccessa Ragaalee Odeeffannoowwan maloota daawwannaa af gaaffii fi marii garee xiyyeeffannootiin funaannaman kitaabilee wobii fi muuxannoo ofii kiyyaa bu’uura godhachuun ni qindaa’u . Ragaaleen qindaa’an kunniinis haala walitti dhiyeenya isaanii xiinxaluun qaacceffamu.Kanas, fakkeenyootaafi ragaaleen deeggaramuunkan dhiyaatu ta’a.Dimshaashumatti,odeeffannoowwan hedduu kanneen funaannaman karaa mala tooftaa akkamtaatiin hiika erga argataniin booda argannoon kan kaa’amu ta’a jechuudha. 1.11. Karoora Yeroo fi Baasii Qorannichaa 1.11.1 .Karoora Yeroo Qoranichaa T.L Gochaawwan Yeroo raawwii gochaalee Muddee Ammajii Gurraandhala Bitootessa Ebla 1 Mata duree filachuu √ 2 Ogbarruu sakatta’uu √ √ 3 Wixinee qopheessuu √ 4 Malleen qorannoo cimsuu √ 5 Meeshaalee funaansa ragaa qopheessuu fi √ √ fooyyessuu 6 Odeeffannoo funaanuu √ 7 Odeeffannoo qindeessuu √ 8 Odeeffannoo qaaccessuufi hiikuu √ 9 Gabaasa duraa gorsatti dhiyeessuu √ 10 Faccisuu √ 11 Yaad-gabbisa fooyyessuu √ 1.12.2. Karoora Baasii/ Baajata Qorannichaa T.L Wantoota barbaachisan Safartuu Baay’ina Gatii tokkoo Gatii hundaa 1 Kobbeef (halluu adda addaa ) Lakk. 4 5 20 2 Waraqaaf Pck. 1 110 110 3 Sarartuuf Lakk . 1 10 10 4 Qabduu waraqaa Lakk. 1 25 25 5 Barreeffama kompiiteraatiif Fuula 80 5 400 6 Footokoppiidhaaf Fuula 80 0.75 60 7 Geejjibaaf Guyyaa 4 20 80 8 Oolmaa laaqanaatiif Guyyaa 3 90 270 9 Kaardii miimooriitiif Lakk. 1 80 80 10 Jildeessuuf Koppii 3 60 180 11 Ofeeggannoof Qar. 300 300 300 Ida’ama 1535 Wabiilee Alamaayyoo Hayilee fi kanneen biroo (1998) .Seenaa Oromoo Hanga Jaarraa 16ffaa. Finfinnee mana maxxanssaa :Biraaninnaa Salaam Beekan Gulummaa (2015) Dimdimoo.finfinnee mana amxxansaa Illeenii Dastaa Dassaaleny (2002), Bu’uura qorannoo Finfinnee Daniel T;Abiyu Z, Alemayehu .W, Melese, Yilma Z. (2009) Introduction to Research Method Preparatory Module for Adis Abeba University for Graduate Programs Dirribii Damusee (2009), Ilaalcha Oromoo: Biiroo Aadaa fi Turiziimii Oromiyaa Finfinnee Mana maxxansaa D.G Fekade Azeze(1991). Introduction to Oral Literature (Amh.Version )IIZ/DVV. Guutaa Abdii (2010) Aannoo : Finfinnee mana maxxanassaa Keebeekii Kumar R. (1996)Researchmethodology. Steps by step guied for beginner Addison Wesley Longman Australian Pvt. Ltd Maatii Sabaa (6400/2006). Daaniyaa :Woldaa Aadaa fi Duudhaa Oromoo, Finfinnee Maria Leach, (ed.)(1959). Definitions of folklore .journal of folklore research , vol. 33, No.3 ( March 2016), pp.255-264. Indiana University press Stable URL:http://www.jstor.org/stable /3814683 Baafata Qabiyyee Fuula 1.1 Seen-duubee Qorannichaa …………………………………………………………..…..1 1.2 Ka’uumsa Qorannichaa ………………………………………………………..………..2 1.3 Kaayyoo Qorannichaa 1.3.1 Kaayyoo Gooroo Qorannichaa ……………………………………………….…..3 1.3.2 Kaayyoo Gooree Qorannichaa ……………………………………………….…..3 1.4 Daangaa Qorannichaa ……………………………………………………………….…..3 1.5 Barbaachisummaa Qorannichaa …………………………………………….…………..4 1.6 Sakatta’a Ogbarruu ……………………………………………………………………...4 1.7 Madda Odeeffannoo ………………………………………………………………...…..4 1.8 Mala Iddattoo …………………………………………………………………………....4 1.9 Meeshaalee Funaansa Ragaa 1.9.1 Daawwannaa ……………………………………………………………………..5 1.9.2 Afgaaffii ……………………………………………………………………….....5 1.9.3 Marii Garee Xiyyeeffannoo ……………………………………………………....5 1.10 Qindeeffamaa fi Mala Qaaccessa ragaalee ……………………………………..……6 1.11 Karoora Yeroo fi Baasii Qorannichaa 1.11.1 Karoora Yeroo Qorannichaa ……………………………………………………...6 1.11.2 Karoora Baasii /Baajata Qorannichaa ………………………………………..…..6 QAACCESSA SEERAAFI KABAJA SIINQEEFI BOKKUU OROMOO GODINA ARSII LIXAA AANAA SHAASHAMANNEE GAHEE ISAAAN AFAANIIFQABAN WALIIN WIXINEE QORANNOO DIGRII JALQABAA AFAANIIFI OG-BARRUU OROMOO YUNIVARSIITIIDIILLAATTI ITTIIN GUUTTACHUUF QOPHAAYEE DHIYAATE QORATAAN : - URGEESSAA WOYYAA GORSAAN : - BARSIISAA DHEERESSAA F. DIILLAA,ITOOPHIYAA AMAJJII, 2009/2017 1. Seensa 1.1 Seen-duubee Qorannichaa Aadaafi afaan ibsituu eenyummaa saba yookiin hawaasa tokkooti. Waa’ee haala waliigala beekumsa gama aadaafi muuxannoo jiruufi jireenya hawaasaa kun marti fookloorii jedhamee waamama. Hiikasaarratti hayyoonni yaada baay’ee kennaniiru.Fooklooriin damee barnoota guddaa waa’ee aadaawwanii fi kalaqa hawaasaa qoratuudha. Kanuma ilaalachisee Fiqaadeen (1991) Fookloorii kitaabasaa Amaariffaa keessatti yoo ibsu, Fooklooriin aadaa hawaasaa tokko tursiisuuf eenyummaasaa barsiisuu fi hojii tokkotti kakaasuuf bu’aa guddaa qaba jechuun ibsa. Asuma keessatti itti dabaluun fooklooriin dameewwan akka afoolaa, duudhaawwan hawaasaa, meeshaalee aadaa fi aadaa sochii qaamaa of jalatti akka qabatu addeessa. Asirraa kan hubannu fooklooriin dameewwan afur guguddootti kan qoodame ta’uusaati. Isaanis kan gubbatti eeraman ta’a jechuudha. Ummanni Oromoos saboota aadaa boonsaafi wanta fooklooriin ilaallattu mara kan gonfate ta’uunsaa beekamaadha. Haata’uu malee, inni kun afaanirra kan darbe barreeffamaan wantoonni hedduun hin qoratamne. Kanarratti Alamaayyoofi kan biroo (1999) yoo ibsan,”Hanga yeroo dhiyootti ummanni Oromoo ummattoota biyya kanaa keessaa kan aadaafi seenaansaa hin qoratamneedha,”jedhu. Haaluma kanaan dameewwan fookloorii meeshaalee aadaa hawaasaa ummanni Oromoo qabu baay’ee keessaa seeraafi kabaja Siinqeefi Bokkuu qoodasaan afaaniif qabaniin qaaccessuun barbaachisaa ta’uusaa itti amanuun qorataan kun kan ka’eef. 1.2 Ka’umsa Qorannichaa Akka ka’umsaatti wanti akka qorannoon kun qoratamuuf kaka’uumsa fide haala seeraafi kabaja Siinqeefi Bokkuun qaban hubannoo uumuun xiyyeeffannoon dhaloota har’aa biratti akka itti kennamuuf yaadameeti. Kana malees bu’aasaan gama adda addaatiin hawaasicha biratti qaban gadifageenyaan ibsuufi qaawwa qorannoowwan biroo kanaan wal qabatan asiin dura taasifaman yookiin hariiroosaan qorannoo kana waliin qaban agarsiisuudhaan odeeffannoo gabbataa kennuufi. Waa’ee kana(seeraafi kabaja siinqeefi bokkuu) irratti qorannoon addatti taasifame hanga qoratichi beekutti jiraatuullee yoo baate, qorannoon isa kana waliin hariiroo qabu meeshaalee aadaafi ulfaa Oromoo godina Arsii Lixaa aanaa Shaashamannee qaaccessuurratti Saanii Mahaammadiin(2008) dhiyaatee ture. Addaaddummaansaaniis qorannoon sun haala waliigalaatiin meeshaalee ulfoo aadaa Oromoo Arsii mararratti kan xiyyeeffateefi ga’eesaan afaan keessatti qabanirratti kan hin xiyyeeffanne ture. Qorannoon kun garuu kan inni adda ta’uun faayidaa gama afaanii siinqeefi bokkuun qaban seeraafi kabajasaanii waliin qaccessuurratti kan fuulleffate ta’uusaati. Bakkiifi meeshaaaadaa gar-tokkeen(murtaa’oo) ta’uun walsaan fakkeessa.Qorannoon kunis isaan akkanaa bu’uureeffachuun faayidaa gama afaanii siinqeefi bokkuu xiinxala. Dimshaashumatti, qorannoon kun gaaffilee bu’uuraa gadiitiif deebii gahaa barbaada. Isaanis:- 1. Seerriifi kabajni addaa siinqeefi bokkuuf Oromoon Arsii kennuu maalfa’a? 2. Yoomessi siinqeefi bokkuu maal fakkaata? 3. Dhimma akkamiifaafi eennuun siinqeefi bokkuun hojiirra oolu? 4. Faayidaan gama afaanii siinqeefi bokkuun qaban maali? 1.3 Kaayyoo Qorannichaa Kaayyoon qorannoo kanaa haala waliigalaatiin lamatti qoodamee akka itti aanutti dhiyaata. 1.3.1 Kaayyoo Gooroo Qorannichaa Kaayyoon ijoo qorannichaa Seeraafi kabaja siinqeefi bokkuun Oromoo Arsii faayidaa gama afaaniitiin qaban qaaccessuudha. 1.3.2 Kaayyoo Gooree Qorannichaa Kaayyoon gooree qorannichaa kanneen akka armaan gadiitti dhiyaatan kana ta’u:- 1. Seeraafi kabaja siinqeefi bokkuun Oromoo Arsii aanaa Shaashamannee biratti qaban tarreessuu 2. Yoomessa siinqeefi bokkuu ibsuu 3. Siinqeefi bokkuun eennuun akka raawwatamaniifi dhimmasaan oolaniif addeessuu 4. Tajaajila siinqeefi bokkuun gama afaaniitiin qaban ibsuu 1.4 Barbaachisummaa Qorannichaa Qorannoon kun gaggeeffamee hojiirra ooluun kanneen armaan gadiitii addadureen ni barbaachisa jedhamee amanama:- Namoonni yookiin jiraattonni/dubbistoonni naannoo akka seeraafi kabaja siinqeefi bokkuurratt hubannoo guddaa gonfataniifi eegumsa godhaniif ni taasisa. Namoota seeraafi kabaja siinqeefi bokkuurrattiifi wantoota walqabatanirratti gara fuulduraatti qorannoo bal’aa taasisaniif akka ragaatti ni tajaajila. Hojiiwwan qorannoo addaddaafi namoonni akka barreeffamaan waa gumaachaniif kaka’uumsa itti hora. 1.5 Daangaa Qorannichaa Qorannoon tokko yoo gaggeeffamu qorataan haalota garagaraarraa ka’ee ni daangeffata. Qorannoon kunis karaalee lamaan daanga’eera. Isaanis:- Karaa Bakkaa:- Bakki qorannoon kun itti gaggeeffame naannoo Oromiyaa godina Arsii Lixaa aanaa Shaashamanneetti qofa daanga’a. Karaa Qabiyyee:- Wanti/qabiyyeen qorannoon kunirratti xiyyeeffatu meeshaalee aadaa Oromoo jiran keessaa seeraafi kabaja siinqeefi bokkuu qofarratti xiyyeeffata. Sababiin kana ta’eefis yeroofi humni waan hin dandeessifneefi. 1.6 Mala Qorannichaa Qorannoon kan gaggeeffamu akkaataa naamusasaa eegeen ta’uu qaba.Malli filatamus bu’a qabeesssummaa qorannichaaf murteessaadha.Kana ilaalchisees Abbiyyuufi kanneen biro yoo ibsan, “The methods procedures section is really heart of the research proposal.” Jedhu.Kana jechuunis malli qorannoo dhugooma qorannichaatiif dhimma ijoo ta’uusaati.Malleen addaddaa akkaataa qorannichaatiin kan jiran yoo ta’u, qorannoo kanaaf ammoo mala ibsaafi mala akkamtaa fayyadamuudhaan ibsa gadifageenyaa kennuun seeraafi kabaja siinqeefi bokkuu bu’aa gama afaaniif qaban xiinxalee hubannoo kenna. 1.7 Madda odeeffannoo Qorannichaa Maddi fiixaan ba’iinsa qorannoo tokkootiif baay’ee murteessaadha. Qorannoon kunis maddeen lachanuu jechuunis madda odeeffannoo sadarkaa tokkoffaafi sadarkaa lammaffaa wal faana kan dhimma itti ba’amu ta’a. Madda odeeffannoo sadarkaa tokkoffaa qorannichaa kan ta’an manguddoota, Abbootii Gadaa,ogeeyyii waajjira aadaafi turiizimii,haadholii siinqeefi hayyoota/jiraattota gandoota aanaa Shaashamanneetokko tokko yoo ta’an, maddeen sadarkaa lammaffaa ammoo kitaabbilee dhimma kanaan walqabatan tokko tokkoofi meeshaalee aadaa hawaasichaa garagaraa ta’u. Kana malees dookmantiiwwan ragaalee waajjira aadaafi turiizimii aanichaafi godinichaas ni sakatta’amu. 1.8 Mala Iddattoo Qorannoon gaggeeffamu tuuta hunda hirmaachisuu dhabuu danda’a. Kunis sababa humniifi yeroon nama daangessuuf ta’a.Ta’ullee akka tuuta yaadame/karoorfame bakka bu’utti isaanuma keessaa filachuun dirqama.Haaluma kanaan qorannoo kanaaf mala carraa tasee gargaaramuun ragaaleen funaannamu. Sababni malli kun filatameefis tuutota asii olitti maqaansaanii tuqamerraa odeeffannoo qabatama ta’e battalatti kan funaanuuf mijatu ta’uusaafi yeroos qusachuuf waan ooluufi. 1.9 Meeshaalee Funaansa Ragaalee Qorannoo kanaaf ragaalee gahaa ta’an funaanuudhaaf dhimma kanitti bahaman af-gaaffii, marii gareefi daawwannaadha. 1.9.1 Af-gaaffii Af-gaaffiin haala gaafatamuun banaafi cufaa jedhamee lamatti qoodama. Innis ragaalee funaanuuf baay’ee ni mijata.Wanti mala kana gaarii taasisu qorataan gaafiisaa sirriitti ifa godhee akka ibsuuuf gargaaruusaati. (Dastaa 2013 ).Kanuma ilaalcha keessa galchuun itti dhimma bahama.Haaluma kanaan namoota jaharraa ragaaleen ni funaannama. 1.9.2 Daawwannaa Fuulletti wal gahuun hirmaattotarraaragaa funaanuuf daawwannaan murteessaadha. ‘Qorataan tokko daawwannaadhaan waan hubate sanirratti murtii laachuu danda’a.Murtichis akka inni hubatetti ta’ee yaada/ tilmaama olaanaa itti kenna. (Dastaan 2013 ) Haaluma kanaan bakka siinqeefi bokkuun itti argaman deemuudhaan daawwannaa hirmaachisaa ta’een ragaan ni funaanama. 1.9.3 Marii Garee Mariin garee ragaa gahaa ta’e namoota hubannoo waa’ee siiqeefi bokkuu qaban haala karooreen irraa argachuuf oola.‘Malli kun gosa af gaaffii ta’ee namoota garaagaraa kan wol hin beekne filachuun odeeffannoo gabbataafi barbaachisaa ta’e argachuuf gargaara,’ ( Daani’eliifi kan biroo 2009 ). Odeeffannoowwan karaa afgaaffiifi daawwannaa cimsuuf ragaa gahaa ta’e argachuuf jecha namoota filataman garee lamatti qooduun ragaan fuunaannama.Kunis sababa baay’inisaanii torbaa ol ta’uu danda’uufi. 1.10 Qindeeffamaafi Mala Qaaccessa Ragaalee Gaaffileen karaa meeshaalee funaansa ragaa gubbaatiin dhiyaatan deebiisaanii mala ibsaafi akkamtaatiin (jechootaan) qindaa’anii gadifageenyaan qaacceffamuundhumarratti furmaataafi guduunfaan kan raawwataman ta’u. 1.11 Karoora yeroofi Baasii Qorannichaa 1.11 Karoora Yeroo Qorannichaa T.L Gochaawwan Yeroo raawwii gochaalee Amsajji Gurraan Ebla Caamsaa Waxa i dhala bajjii 1 Mata duree filachuu √ 2 Ogbarruu sakatta’uu √ √ 3 Wixinee qopheessuu √ 4 Malleen qorannoo cimsuu √ 5 Meeshaalee funaansa ragaa qopheessuu fi √ √ fooyyessuu 6 Odeeffannoo funaanuu √ 7 Odeeffannoo qindeessuu √ 8 Odeeffannoo qaaccessuufi hiikuu √ 9 Gabaasa duraa gorsatti dhiyeessuu √ 10 Faccisuu √ 1.11.2 Karoora Baasii/ Baajata Qorannichaa T.L Wantoota barbaachisan Safartuu Baay’ina Gatii tokkoo Gatii hundaa 1 Kobbeef (halluu adda addaa ) Lakk. 4 5 20 2 Waraqaaf Pck. 1 110 110 3 Sarartuuf Lakk . 1 10 10 4 Qabduu waraqaa Lakk. 1 25 25 5 Barreeffama kompiiteraatiif Fuula 80 5 400 6 Footokoppiidhaaf Fuula 80 0.75 60 7 Geejjibaaf Guyyaa 4 20 80 8 Oolmaa laaqanaatiif Guyyaa 3 90 270 9 Jildeessuuf Koppii 3 60 180 10 Ofeeggannoof Qar. 300 300 300 Ida’ama 1455 Wabiilee Alamaayyoo Hayilee fi kanneen biroo (1998) .Seenaa Oromoo Hanga Jaarraa 16ffaa . Finfinnee mana maxxanssaa : Biraaninnaa Salaam Beekan Gulummaa (2015) Dimdimoo. finfinnee mana amxxansaa Illeenii Dastaa Dassaaleny (2002), Bu’uura Qorannoo Finfinnee Daniel T;Abiyu Z, Alemayehu .W, Melese, Yilma Z. (2009) Introduction to Research Method Preparatory Module for Adis Abeba University for Graduate Programs Dirribii Damusee (2009), Ilaalcha Oromoo: Biiroo Aadaa fi Turiziimii Oromiyaa Finfinnee Mana maxxansaa D.G Fekade Azeze(1991). Introduction to Oral Literature (Amh.Version )IIZ/DVV. Guutaa Abdii (2010) Aannoo : Finfinnee mana maxxanassaa Keebeekii Kumar R. (1996) Research methodology. Steps by step guied for beginner Addison Wesley Longman Australian Pvt. Ltd Maatii Sabaa (6400/2006). Daaniyaa : Woldaa Aadaa fi Duudhaa Oromoo, Finfinnee Melakne Mengistu,(1999) . Fundamental of Literature.Addis Abeba:University Press. Saanii Mahaammad(2008). Qaaccessa Meeshaalee Ulfoo Aadaa Oromoo Godina Arsii Lixaa Aanaa ShaashamanneeGuuttannaa digriijaqabaa Kan hin maxxanfamne, Diillaa. _________________________ World book in Encyclopedia valume for (1994 ). London World book INC . QAACCESSA DHAAMSA ASOOSAMA DHEERAA GURRAACHA ABBAYAA WIXINEE QORANNOO DIGRII JALQABAA YUNIIVARSIITII DIILLAA MUUMMEE AFAANIIFI OG-BARRUU OROMOOTTI GUUTTACHUUF QOPHAAYE QORATAAN:- AABBUU JUULLAA GORSAAN:- BARSIISAA ADDUNYAA SOORII YUNIIVARSIITII DIILLAA AMAJJII, 2009 1. Seensa 1.1 Seen-duubee Qorannichaa Og-barruun umrii dheeraa qaba.Ilmoon namaa barreeffamaan of ibsuu osoo hin jalqabin dura ogafaan /oral literature / yookiin afoolaan /folklore/yookin fakkii fi bocaan yaada ofiisaa ibsaa ture. Kanarraa kan ka’es, umuriin oguma umurii afaaniitiin /age of language/ qixxee ta’a jedhamee tilmaama. Umrii dheeraa kana keessatti ogumaaf hiikaa adda addaatu kennamaa tureera. Ogumi/wisdom/waa’ee jiruufi jireenya finna/dhala namaa/ta’ee namootaan qindeeffamee namootaaf dhiyaata. Kun immoo namoonni hojjaa fi qo’aannoo adda addaa irratti hiriiraan akka hubannoo ofii isaaniitti hiikkaa adda addaa ogumaaf akka kennan taasisee jira. Ogbarruun dabarsa aadaa uummataati.Galmee jiruu fi jireenya ilmoo namaa kan namoota hubannoo,beekumsa,muuxxannoo sadarkaa adda addaa qabaniiti.Yaada kana ilaalchisee, Asaffaan,(2009:21) hayyuu Beliniskiin wabeeffachuun yoo ibsu,”Literature is the cultural heritage of peoples. It is arecord of man in adiversity of forms at various levels of scholar ship”jedha. Ibsa kana haalan hubaachuuf jecha aadaa jedhu kana ilaalun barbaachisaadha.Aadaan ummata tokkoo akkaataa nyaataa, dalagaa,uffata,walumaagalatti, haala jiruuf fi jireenya ummata tokkoo kan ibsuudha.Yaadni og-barruun dabarsa aadaa ummataati jedhus.Og-barruun haala jireenya ummata tokkoo dhaloota irraa gara dhalootatti dabarsa jechuudha. Og-barruun galmee /record/ dhalootaati yookiin labataati yommuu jedhamus bu’aa ba’ii jiruuf jireenya dhaloonni gogeessa gadaa dhufuu fi lufu keessatti dabarsu kan ittiin qaabatu yookiin galmeessee ol kaa’u jechuudha. Kana malees, ogbarruun gama kalaqa oguma waa uummuu tahee, kan muuxannoo jiruu fi jireenya keenya haqa irratti ittiin yayyabnu yookiin bu’uuressinuuf ammoo akka qaabatamutti/ comprehended/ midhaagsinee fi faayinee ittiin ibsinu.Og-barruun mala ittiin waan hawaasummaaf bu’aa qabu tokko /Social significance/ waliif dabarsinu waan immoo beekumsa ilmaan namaatti waa cobu tokko ittiin walii galaafnu.Ammas Asaffaan hayyuu Beliniskiin jedhamuu wabeeffachuun og-barruun ibsa hambaa yaada ummataa isa olaanaa kan jechaan ibsamu addaan utuu hin citin geggeeddaramaafoffooyya’aa lufuufi fufuu isaatiinis duudhaa afaanii /oral/fi barreeffamaa irraa adda ta’a:- “Literature is the Last and highest expression of the thought of people manifested in words. An organic continuity of development is the thing that gives Literature is character, and which at the same time distinguishes it form mere oral and written tradition.” Kan oliirraa akka hubbatamutti hiikni og-barruu kun kan ittiin walfakkatu: Muxxannoo ilmaan namaa ta’uu isaa, jechaan ibsamuu isaa, barreeffamaanis kan dhiyaatu ta’uu isaa,geggeedaramuu fi foffooyya’uu isaafi waan kalaqaa ta’uu isaati. Og-barruun kan ilmaan namaa haala jiruuf jireenya isaanii keessatti gaddaa fi gammachuu isaanii ittiin ibsataniidha.Birhaanu ,/1999:9/tti hayyuu Grey/1992:163/ irratti wabeeffachuun ibsa Ogbarruudhaaf yommuu kennu “Literature as aterm for poetry, novels,drama and short story written with an apparently artistic purpose rather than merly communication” jechuudhaan kaa’a.Kunis og-barruun dameewwan kanneen akka asoosama dheeraa, og walaloo , asoosama gabaabaa fi diramaa ta’ee, kan haala midhaaginaa fi ogummaa bareedummaa qabuun wanta dubbatamuu olitti kan barreeffamu ta’uu isaa kan nu hubaachisuudha. Egaa asoosamni dheeraanis damee og-barruu keessaa tokko akkuma ta’etti innis haala bu’aa bayii jiruufi jireenya namaa/hawaasaa bifa nama hawatuun barraa’eefi caacculee heddu qabu(jaargocha, nam- fakkoota,waldiddaafi kan biroo) keessaa dhaamsi/ergaan isa tokko. Og-barruulee Oromoo hanga tokko jiran keessaa ammoo asoosamoonni dhedheraan barraa’an jiru.Isaan keessaa tokko ammoo asoosamni ‘Gurraacha Abbayyaa’ isa tokkoofi ergaa cimaa qabuudha.Qorannoon kunis dhaamsa assosamichaa gadi fageenyaan ibsuurratti xiyyeeffata. 1.2 Ka’uumsa Qorannichaa Qorannoo kana hojjachuuf kan qoraticha kakaase ergaa asoosamarratti yeroo baay’ee qorannoowwan biroo baay’inaan xiyyeeffachuu dhabuu, ergaa asoosamichaa daran hubachiisuufi qaachessa qorannoo og-walaloo tokko tokkorratti godhame bu’uureeffachuudhaani.Fakkeenyaaf qaaccessa amaloota kitaaba walaloo ‘Singiggoo’ Abdurroo(2007) guutiinsa digrii jalqabaa yuniivarsiitii Diillaatiif dhiyeesse isa tokko. Addaaddummaafi walfakkeenyi inni kun isarraa qabu yoo ilaalle, Afaan Oromootiin hojjtamee waa’ee qaaccessa kitaabaa ta’ee dhaabbata tokkoof dhiyaachuun walisaan haa fakkeessuu malee, garaagarummaas qabu. Inni sun og-walaloo ta’ee kun hololoo ta’uufi akkasumas sun amalootarratti yyoo ta’u, kun immoo dhaamsarratti kan hundaa’e ta’uusaati. Gaaffilee bu’uuraa gadiitiif deebii barbaada:- Namfakkoon asoosama Gurraacha Abbayaa kan akkamiiti? Yoomessi asoosamichaa maali? Ergaan ijoon asoosamichaa maali? Yaanni dubbistoota asoosamichaa ergaarratti qaban maal fakkaata? 1.3 Kaayyoo Qorannichaa Kaayyoon qorannoo kanaa akka waliigalaatti bakka lama gadiitti hiramee dhiyaata:- 1.3.1 Kaayyoo Gooroo Qorannichaa Dhaamsa kitaaba asoosama ‘Gurraacha Abbayaa’ qaaccessuurratti xiyyeeffata. 1.3.2 Kaayyoo Gooree Qorannichaa Nam-fakkoota asoosama ‘Gurraacha Abbayaa’ ibsuu Yoomessa asoosamichaa addeessuu Ergaa ijoo asoosamichaa addeessuu Yaada dubbistoonni ergaa asoosamichaarratti qaban madaaluu 1.4 Barbaachisummaa Qorannichaa Qorannoon kun gaggeeffamuunsaa kanneen itti aananiif akka ijootti ni fayyada :- Dubbistoonni kitaabbilee assosamichaa dhaamsasaa daran hubachiisee xiinxala cimsa. Fedhii dubbisuu asoosamoota dhedheeroofi og-barruu biroo namootaa ni cimsa. Qorannoo akka kanaa kan biraatiif madda ragaa ni ta’a. Qaaccessa kitaabbilee biraatiifis kaka’uumsa namatti hora. 1.5 Daangaa Qorannichaa Qorannoon kun akka yeroofi humna jiru wajjiin wal simuuf jecha kitaabbilee asoosama Afaan Oromoo jiran keessaa asoosama dheeraa ‘Gurraacha Abbayaa’ irratti ta’ee as keessattis dhaamsasaa qofarratti kan hundaa’edha. 1.6 Madda Odeeffannoo Qorannichaa Maddeen qorannoo jiran maddeen /ragaa odeeffannoo sadarkaa duraafi sadarkaa lammaffaa qorannoo kanaaf dhimma itti ba’ama.Dubbistoonniifi hayyoonni naannoo Shaashamannee madda sadarkaa duraa ta’u.Kitaabbileen og-barruu Afaan Oromoofi kan biro maddeen raga sadarkaa lammaffaa qorannichaati. 1.7 Mala Iddatteessuu Qorannoo kanaaf malleen iddatteessuu al carraa keessaa iddatteessa kaayyeffataatti dhimma bahama.Sababnisaas namoota waa’ee dhaamsa asoosamichaa beekan/dubbistoota qofarraa ragaan waan funaannamuufi. Haaluma kanaan dubbistoota shanirraa ragaan ni funaanama. 1.7 Meeshaalee Funaansa Ragaalee Qorannoo kanaaf meeshaalee funaansa ragaa af-gaaffiifi mariin garee kan hojiirra oolan ta’u. 1.7.1 Af-gaaffii Af-gaaffiin ragaalee haala salphaan funaanuuf baay’ee mijata. Namoota asoosamicha sirnaan dubbisan qaamaan bira deemuun af-gaaffii banaafi cufaa ta’aniin ragaa qabatamaa ta’e ni funaanama. 1.7.2 Marii Garee Xiyyeeffaannoo Qorannichaaf mariin garee meeshaa funaansa ragaa filatame isa lammeessooti.Innis dubbistootaafi hayyoota kitaabaa/asoosamaa hubannoo qaban bakka tokkotti walitti fiduun ragaa qabatamaafi gahaa ta’e argachuuf yaadameeti. 1.9 Tooftaa Qaaccessa Ragaalee Gaaffilee af-gaaffii gaafatamanii ragaalee funaanamanii qindaayuun qaacceffaman jechootaan ibsa gadifageenyaa itti kennuudhaan ta’a.Xumurarrattis yaada furmaataafi guduunfaan deeggarama. 10 Karoora Yeroofi Baasii Qorannichaa 1.10.1 Karoora Yeroo Qorannichaa T.L Gochaawwan Yeroo raawwii gochaalee Amajjii Gurraan Ebla Caamsaa Waxa dhala bajjii 1 Mata duree filachuu √ 2 Ogbarruu sakatta’uu √ √ √ 3 Wixinee qopheessuu 4 Malleen qorannoo cimsuu √ 5 Meeshaalee funaansa ragaa qopheessuu fi √ √ fooyyessuu 6 Odeeffannoo funaanuu √ 7 Odeeffannoo qindeessuu √ 8 Odeeffannoo qaaccessuufi hiikuu √ 9 Gabaasa duraa gorsatti dhiyeessuu √ 10 Faccisuu √ 1.10.2 Karoora Baasii/ Baajata Qorannichaa T.L Wantoota barbaachisan Safartuu Baay’ina Gatii tokkoo Gatii hundaa 1 Kobbeef (halluu garagaraa ) Lakk. 4 5 20 2 Waraqaaf Pck. 1 110 110 3 Sarartuuf Lakk . 1 10 10 4 Qabduu waraqaa Lakk. 1 25 25 5 Barreeffama kompiiteraatiif Fuula 80 5 400 6 Footokoppiidhaaf Fuula 80 0.75 60 7 Geejjibaaf Guyyaa 4 20 80 8 Oolmaa laaqanaatiif Guyyaa 3 90 270 9 Jildeessuuf Koppii 3 60 180 10 Ofeeggannoof Qar. 200 200 200 Ida’ama 1355 Wabiilee Abdurroo Waari’oo (2007).’Qaaccessa Amaloota Og-walaloo ‘Singiggoo’ Guuchisa digrii jalqabaa Kan hin maxxanfamin, Diillaa Asaffaa Tafarraa , (2009). Eela Seenaa Oguma Oromoo.Finfinnee: print by Far-East trading PLC . Berhanu Matheows , (1999).Fundamental of Literature . Addis Ababa : Alpha printer PLC Cassidy J(1991) .Understabding Literature .New York :Mc Grow hill . Dastaa Dassaaleny , (2002). Bu’uuraQorannoo50492 : Yuunivarsiitii Addis Ababa Finfinnee : Mana maxxansaa Boolee . Diyaanii R. ( 2002) . Literature Reading , fiction , poetry , and drama, 5 th editon : Miccrow hill campanies inc. Jaarraafi W.B. Yaadatee , (2000) . Bantuu Haaraa Caas- lugaafi og-barruu Afaan Oromoo . FinfinneeOromiyaa . Melakne Mengistu, (1999) .Fundamental of Literature. Addis Abeba : . University press Miller R. and Robert A.G. (1988) . An introduction to poetry . Hong kong : Macmilian LTO . Mitira B.G.( 2006 :62) . Literature :Introduction to fiction , peotry , drama and wrting . new York : Longman. Pirojektii 17000,(2001). Gosoota Afoola Afaan Oromoo, Hidhaa 4th. Dhaabbata Qunnamtii barnootaa ministeera barnootaa , Finfinnee / Addis Ababa/ Ethiopia . Yuusuuf Huseen , ( 2005). Yaadannoo Og-barruuOromoo ,Afol (416) . kan hin maxxaffamne . Dillaa Yoonaas Baqqaanaa , (2003) . “Qaaccessa Dhaamsa og wolaloo Anaaniyaa” . Qorannoo Digirii jalqabaa kan hin maxxaffamin , Dillaa . _________________________ World book in Encyclopedia valume 7 for (1994 ). London World book INC . Baafata Mataduree Fuula 1. Seensa 1.1 Seen-duubee Qorannichaa ------------------------------------------1 1.2 Ka’uumsa Qorannichaaa --------------------------------------------2 1.3 Kaayyoo Qorannichaa 1.3.1 Kaayyoo Gooroo Qorannichaa ------------------------------------- 1.3.2 Kaayyo Gooree Qorannichaa --------------------------------------- 1.4 Barbaachisummaa Qorannichaa ------------------------------------- 1.4 Daangaa Qorannichaa ------------------------------------------------- 1.5 Mala Qorannichaa ----------------------------------------------------- 1.6 Madda Odeeffannoo --------------------------------------------------- 1.7 Mala Iddatteessuu ------------------------------------------------------ 1.8 Meeshaalee Funaansa Ragaalee 1.8.1 Af-gaaffii ----------------------------------------------------------- 1.8.2 Daawwannaa ------------------------------------------------------- 1.8.3 Marii Garee Xiyyeeffannoo -------------------------------------- 1.9 Qindeeffamaafi Mala Qaaccessa Ragaalee ------------------------- 1.10 Karoora Yeroofi Baasii/Baajata Qorannichaa 1.10.1 Karoora Yeroo Qorannichaa ------------------------------1.10.2 Karoora Baasii/ Baajata Qorannichaa -------------------------- Wabiilee ---------------------------------------------------------------------- Yuniivarsiitii Diillaa Muummee Afaaniifi Og-barruu Oromootti Hojii dhuunfaa koorsii Maqaa Qorataa:-Huseen NuureeLakk. W.E _____ 1. Matadureeqorannichaa:- qaaccessa looga afaan oromoo godina baaleef arsii jidduti mul’atu. 2. seenduubeeqorannichaa:-Afaan meeshaa walii galteef ibsituu hawaasa tokkoo yommuu ta’u,haalota jijjiirama adda addaa irraa kan ka’e afaan hawaasa tokkoo keessati loogni garagaraa ni mul’ata.Afaan Oromoo birattis haaluma walfakkaatuun loogonni garagaraa godinaalee Oromiyaa hedduu keessati kan mul’atu yoo ta’u,isaan keessaa loogni Arsiifi Baalee isa tokko. 3. ka’umsaqorannichaa:-dhiibbaa sababa loogaatiin qunnamtii gama faanii irrtti mul’atu xiinxallun furmaata barbaaduuf. 4. Gaafileebu’uuraaqorannichaa:- Looga jechuun maal jechuu dha? Loogni hawaasaa afaan irratti dhiibbaa akkamii fida? Faayidaan guddaan loogni afaaniif qabu maal? Loogonni hawaasa Arsiif Baalee jiddutti mul’atu maal fa’a? Loogni akkamitti waalt’a? 5. Kaayyooqorannichaa:- 5.1 Kaayyoo Gooroo:-loogalee oromoo arsiif baalee jiddutti mul’atu xiinxalluu. 5.2 Kaayyoo Gooree:- Maalummaa loogaa ibsuu. Dhiibbaa loogni afaan hawaasaa irratti fidu addeessuu. Faayidaa loogni guddina afaaniitiif qabutarreessuu Loogota arsiif baalee tarreessuu. Adeemsa waaltina afaanii loogaan walqabsiisuun ibsuu. 6. BarbaachisummaaQorannichaa:- 6.1 Qorattoota gara fuulduraatiif madda ragaa ni ta’a. 6.2 Qaamota waaltinna afaaniirratti hojjataniif akka galtee tokkootti dhimma itti bahu. 6.3 Dagaagina Afaan Oromootiif gahee guddaa ni taphata. 7. DaangaaQorannichaa:- Qorannoon kun bakkaafi qabiyyeen daanga’eera. Bakkisaa godina Baaleefi Arsii yoo ta’u, qabiyyeensaa ammoo loqoda Oromoo qofarratti xiyyeeffata. 8. Malleen qorannoo kanaa mala akkamtaafi eertuuti. 9. Maddeen odeeffannoo qorannoo kanaa madda ragaa sadarkaa tokkoffaafi sadarkaa lammaffaati. 10. Malli iddatteessuu qorannoo kanaa mala iddatteessa al-carraa kaayyeffataafi eertuuti. 11. Meeshaalee funaansa ragaa af-gaaffiifi marii gareeti. 12. Addeemsi qaaccessa qorannoo kanaa deebii gaaffilee karaa af- gaaffiifi mariitiin dhiyaatan qindeessuun karaa akkamtaatiin erga gadi fageenyaan ilaalamanii booda ibsa itti kennuun qaacca’ee guduunfaafi yaboon goolabama. 13. Karoora yeroofi Baasii:- 13.1 Karoorri yeroo qorannoo kanaaf qabame Amajjii, 2009 eegalamee hanga waxabajjii 2009 xumurama. 13.2 karoorri baasii meeshaalee qorannoo kanaaf barbaachisu immoo haala waliigalaatiin qarshii 1850 ta’a. 14. Wabiileen qorannoo kanaaf gargaaramu kitaabbilee caas-lugaa addaddaa, kitaabbilee og-barruufi toora interneetaafaadha. Yuniivarsiitii Diillaa Kolleejjii Hawaasummaafi Namoomaa Muummee Afaaniifi Ogbarruu Oromoo Wiirtuu Shaashamanneetti Abbaltii Dhuunfaa BarnootaQophii Seminaaraarratti Qorataa:-Urgeessaa WoyyaaLakk.W.E031/13Waggaa4ffaa Cin- waggaa1ffaa Gumee Wixinee Qorannoo 1. Mata-dureeQorannoo: -Qaaccessa Seeraafi Kabaja Bokkuufi Siinqee Oromoo Godina Arsii Lixaa Aanaa Shaashamannee Gaheesaan Afaaniif Qaban Waliin 2. Seen-duubeeQorannoo:-Meeshaaleen aadaa hawaasaa dameewwan fookloorii keessaa isaan tokko yoo ta’an, ummanni Oromoos meeshaalee kanneen hedduu qaba. Isaan kunniin gaheen gama afaan hawaasichaa keessatti qaban olaanaadha. Bokkuufi siinqeen Oromoo ammoo seeraafi kabaja addaasaanii waliin ni eeramu. 3. Ka’umsa Qorannoo:-Meeshaaleen aadaa damee fookloorii keessaa isaan tokko yoo ta’an, meshaalee aadaafi kabajaafi seera qaban keessaa ammoo bokkuufi siinqeen ni eeramu. Qorataa kana qorannoo kanaaf kan kakaases seeraafi kabaja bokkuufi siinqee Oromoo Arsii biratti mudhatu barreeffamaan sirnaan dhiyeessuungaaffilee bu’uuraa gadiitiif deebii barbaaduudha:- Seerriifi kabajni bokkuufi siinqee Oromoo Arsii biratti jiran maalfaa? Yoomessi bokkuufi siinqee maal fakkaata? Bokkuufi siinqeen dhimmasaan oolaniifii eennuun hojiirra oolu? Tajaajilli bokkuufi siinqee maali? 4. Kaayyoo Qorannoo:- Kaayyoleen qorannoichaa bakka lama:- Kaayyoo Gooroo:- Seeraafi kabaja bokkuufi siinqee Oromoo Arsii qaaccessuu Kaayyoo Gooree:- kanneen gadiiti. - Seeraafi kabaja siinqeefi bokkuun Oromoo Arsii aanaa Shaashamannee biratti qaban tarreessuu - Yoomessa siinqeefi bokkuu ibsuu -Siinqeefi bokkuun eennuun akka raawwatamaniifi dhimmasaan oolaniif addeessuu -Tajaajila siinqeefi bokkuun gama afaaniitiin qaban ibsuu 5. Barbaachisummaa Qorannichaa:-Qorannoon kun kanneen armaan gadiitiif ni barbaachisa -Namoonni yookiin jiraattonni/dubbistoonni naannoo akka seeraafi kabaja siinqeefi bokkuurratti hubannoo guddaa gonfataniifi eegumsa godhaniif ni taasisa. -Namoota seeraafi kabaja siinqeefi bokkuurrattiifi wantoota walqabatanirratti gara fuulduraatti qorannoo bal’aa taasisaniif akka ragaatti ni tajaajila. -Hojiiwwan qorannoo addaddaafi namoonni akka barreeffamaan waa gumaachaniif kaka’uumsa itti hora. 6. Daangaa Qorannoo:- Qorannoon kun kan daanga’e bakkaan godina Arsii Lixaa aanaa Shaashamanneetti yoo ta’u, qabiyyeensaa ammoo meeshaalee aadaa Oromoo keessaa seeraafi kabaja bokkuufi siinqee qofarratti. 7.MaddaOdeeffannoo:-Maddeen odeeffannoo qorannoo kanaa madda/ ragaa sadarkaa tokkoffaafi sadarkaa lammaffaa gadiiti:- Madda Ragaa Tokkoffaa:- Manguddoota/ hayyoota naannichaa, abbootii Gadaafi haadha Siinqeefaa ta’u. Madda Ragaa Sadarkaa Lammaffaa:- Kitaabbilee aadaafi duudhaa hawaasaafi afoollan addaddaafi ragaalee yookiin qorannoowwan birooti. 8.MalaIddattoo:- Malli iddatteessuu qorannoo kanaa mala iddatteessa al- carraa kaayyeffataati. 9.MeeshaaleeFunaansaRagaa:-Meeshaalee funaansa ragaa qorannoo kanaa af-gaaffiifi marii gareeti. 10.Addeemsi qaaccessa qorannoo kanaa deebii gaaffilee karaa af-gaaffiifi mariitiin dhiyaatan qindeessuun karaa akkamtaatiin erga gadi fageenyaan ilaalamanii booda ibsa itti kennuun qaacca’ee guduunfaafi yaboon goolabama. 11.Karoora Yeroofi Baajataa:- a. Karoorri yeroo qorannoo kanaaf qabame Amajjii,2009 eegalamee hanga waxabajji, 2009ti. b. Karoorri baasii meeshaalee qorannoo kanaaf barbaachisu immoohaala waliigalaatiin qarshii 1950 ta’a. 12.Wabiileen qorannoo kanaaf gargaaramu kitaabbilee caas-lugaa addaddaa, kitaabbilee og-barruufi toora interneetaafa ta’a. Yuniivarsiitii Diillaa Mana Barnootaa Afaanotaafi Namoomaa Muummee Afaaniifi Og-barruu Oromoo Wiirtuu Shaashamanneetti Hojii Dhuunfaa BarnootaQophii Seminaaraa Waggaa 4ffaa Cin-waggaa 1ffaa Maqaa Qorataa:-AabbuuJuullaa Lakk.W.E 002/13 Mirkaneeffannaa/ Wixinee Qorannoo 1.Mata-dureeQorannoo:- Qaaccessa Asoosama Dheeraa Gurraacha Abbayaa 2.Seen-duubee Qorannoo:- Og-barruu Oromoo seenaa dheeraa kan qabu ta’ullee barreeffamoonni hanga ammaatti jiran gama og-barruutiin gahaa miti. Isaan keessaa asoosamoonni Oromoo tokkko yoo ta’an, hanga ammaatti baay’eensaanii haa jiraatanii malee gahaa miti.Isaan kanarratti xiinxalli taasifamuun immoo barbaachisaadha.Gama dhaamsasaaniitiin wanti hojjatame quubsaa waan hin taaneef qorannoon kun gaggeeffama. 3.Ka’umsa Qorannoo : - Og-barruun Oromoojiran akka caalaatti baay’ataniifi dagaaganiif qorannoodhaan deeggaramaa deemuu qabu. Isaan keessaa ammoo gama ergaa asoosamaatiin hojiin hojjatamee dhiyaate hin mul’atu. Xiyyeeffannoon qoratichaas ergaa asoosama Gurraacha Abbayyaa qaaccessuun gaaffilee bu’uuraa gadii deebisa:- -Namfakkoon asoosama Gurraacha Abbayaa kan akkamiiti? -Yoomessi asoosamichaa maali? -Ergaan ijoon asoosamichaa maali? -Yaanni dubbistoota asoosamichaa ergaarratti qaban maal fakkaata? 4.Kaayyoo Qorannoo: - Kaayyoo Gooroo : - Dhaamsa asoosama dheeraa ‘Gurraacha Abbayaa’ qaaccessuu. Kaayyoo Gooree : - Nam-fakkoota asoosama ‘Gurraacha Abbayaa’ ibsuu Yoomessa asoosamichaa addeessuu Ergaa ijoo asoosamichaa addeessuu Yaada dubbistoonni ergaa asoosamichaarratti qaban madaaluu 5.Barbaachisummaa Qorannoo:- Qorannoowwan akkanaa gara fuulduraatiif madda ragaa ta’uun, dhaamsa asoosamaa dubbistoonni haala salphaan akka hubataniif, fedhii dubbisuu og-barruulee akkanaafi kan biroo sissi’eessuufi guddina og-barruu Oromootiif gahee guddaataphata 6.Daangaa Qorannoo:- Qorannoon kun kan daanga’e og-barruulee Afaan Oromoo keessaa dhaamsa/ergaa asoosama dheeraa ‘Gurraacha Abbayaa’ qaaccessuurratti qofa. 7.Mala Qorannoo:- Malli qorannoo kanaa mala akkamtaa/qulqullaa’inaatiin ibsi gadifageenyaa itt kennamuun ta’a. 8.Madda Odeeffannoo:- Maddeen odeeffannoo qorannoo kanaa madda/ ragaa sadarkaa tokkoffaafi sadarkaa lammaffaati. Madda Odeeffannoo Sadarkaa Tokkoffaa:-Hayyoota/ barsiisota, dubbistootaafi barreessitoota. Madda Odeeffannoo sadarkaa Lammaffaa:- Kitaabbilee og- barruu addaddaafi ragaalee kanarratti jiran ta’u. 9.Mala Iddattoo:- Malli iddatteessuu qorannoo kanaa mala iddatteessa al-carraa kaayyeffataafi eertuuti. 10.Meeshaalee Funaansa Ragaa:-Meeshaalee funaansa raga qorannoo kanaa af-gaaffiifi marii gareeti. 11.Addeemsiqaaccessaqorannoo kanaa deebii gaaffilee karaa af-gaaffiifi mariitiin dhiyaatan qindeessuun karaa akkamtaatiin erga gadi fageenyaan ilaalamanii booda ibsa itti kennuun qaacca’ee guduunfaafi yaboon xumurama. 12.Karoora yeroofi Baasii:- c. Karoorri yeroo qorannoo kanaaf qabame Amajjii,2009 eegalamee hanga Waxabajji, 2009 xumurama. d. Karoorri baasii meeshaalee qorannoo kanaaf barbaachisu immoohaala waliigalaatiin qarshii 2050 ta’a. 13.Wabiileen qorannoo kanaaf gargaaramu kitaabbilee caas-lugaa addaddaa, kitaabbilee og-barruufi toora interneetaafa ta’a. QAACCESSA LOOGA AFAAN OROMOO GODINA ARSIIFI BAALEE WIXINEE QORANNOO GUUCHISA DIGRII JALQABAA YUNIIVARSIITII DIILLAA MUUMMEE AFAANIIFI OG-BARRUU OROMOOTIIF QOPHAAYE QORATAAN:-HUSEENNUUREE GORSAAN:-ASHABBIRTAADDASAA DIILLAA, ITOOPHIYAA GURRAANDHALA, 2009/2017 BAAFATA QABIYYEE FUULA 1. Seensa 1.1. Seen-duubee Qorannichaa _________________________1 1.2. Ka’uumsa Qorannichaa ____________________________1 1.3. Kaayyoo Qorannichaa 1.3.1 Kaayyoo Gooroo______________________________2 1.3.2 Kaayyoo Gooree _____________________________ 2 1.4 Barbaachisummaa________________________________2 1.5 Daangaa Qorannichaa _____________________________3 1.6 Mala Qorannoo __________________________________3 1.7 Madda Odeeffannoo______________________________3 1.8 Mala Iddatteessuu ________________________________3 1.9 Meeshaalee Funaansa Ragaa 1.9.1 Af-gaaffii ___________________________________4 1.9.2 Daawwannaa________________________________4 1.9.3 Marii Garee _________________________________4 1.10 Adeemsa Qaaccessa Odeeffannoo __________________4 1.11 Karroora Yeroofi Baajataa 1.11.1 Karooera Yeroo _____________________________5 1.11.2 Karoora Baasii/Baajataa ______________________5 1. Seensa 1.1 Seen-duubee Qorannichaa Afaan meeshaa walii galtee ilma namaati. Ilmi namaa bineensotaan adda bahee kan beekamu isuma afaan dubbii kana qabaachuudhaani.Afaan ilma namaa wajjiin hidhata guddaa kan qabuufi meeshaa walqunnamtii guyyaa guyyaati. Haata’uu malee, wanti waliigaltee marti afaan jechuun hin danda’amu.Akka hayyuun Finch ( 2005:89) ibsutti:- Language has additional function which emphasises as an instrument of thought and has texual function which emphasizes language as instrument of communication. Yaannisaa kunis afaan yaada sammuu keenya keessa jiru itti ibsachuuf akka meeshaa wal qunnamtii tokkooti kan dhalli namaa itti fayyadamu ta’uusaa hayyuun kun lafa kaayeera. Akka hayyooni xiinqooqaa garagaraa ibsanitti afaan kan dhal;li namaa sagalee dubbii walitti qqindeessuun ittiin walii galan waan ta’eef, meeshaa walii galtee ta’uu irra deddeebiin ibsu.(Fish Man) Akka hayyuun xiinqooqa hawaasaa Wareing (1999) ibsutti afaan mallattoo eenyummaa hawaasa tokkooti. Xiinqooqni immoo saayinsii afaan qo’atu yommuu ta’u, dame xiinqooqaa keessaa xiinqooqni hawaasummaa haala afaan hawaasa tokkoo kan qo’atudha. Innis qo’annoosaa kan adeemsisu garaagarummaa afaanii afaan tokko keessatti argamuu danda’u garuu hawaasa saniif hiika qabanirratti xiyyeeffaffata. Afaanonni garagaraa namoonni hedduun garee hawaasa tokkoo keessatti ittiin gargaaraman looga/loqoda jedhama.(Addunyaa 2010) Saayinsiin loogni ittiin qoratamu xiinlooga jedhama. Xiinloogni immoo dame xiinqooqa hawaasummaa ta’ee, haalota garaagarummaa afaan tokko keesatti argaman kan qo’atudha.(Addunyaa 2009) Mata-dureen qorannoo kanaas looga yookiin loqoda Oromoo Arsiifi Baalee keessatti mudhatu qo’achuun qaaccessuu yammuu ta’u, looga hawaasummaatiin/afaan hawaasaatiin kan wal qabatu ta’a. 1.2 Ka’umsa Qorannichaa Qubsumni ilma namaa haala jiruufi jireenyasaatiin wal qabachuun yeroo gara yerootti idoo tokkoo gara iddoo birootti bal’achaafi jijjiiramaa kan deemu yommuu ta’u, jijjiiramni teessuma hawaasa kanaa ammo afaanirratti jijjiirama guddaa fida. Jijjiiramni afaanii kun ammoo loqoda adaaddaa yommuu ta’u, innis akkuma faayidaa qabu miidhaa gama wal qunnamtii hawaasaatiin ni qaba. Haaili qabatamaa teessuma lafa Oromiyaa gar-malee bal’aafi kutaa yookiin godinaalee garagaraa baay’eetti qoqqoodamtee waan argamtuuf loogni/loqonni hawaasaichaas bakkaa bakkatti addaaddummaa ni qaba. Qorannoo kanaanis hunduma isaanii osoo hin taane, qorataan waan ofii sirriitti irratti hubannoo qabuufi xiinxaluu barbaade yeroofi humnasaa faana deemu kan godinaalee Arsiifi Baaleerrattiidha. Loogaaleen asitti argaman kan qomoo tokkoofi hidda Arsii qofa ta’anillee addaddummaan mul’atu baay’etu haala bal’iinsa lafaafi faca’iinsasaaniitiin uumamreera. Isaan kana maal akka fakkaataniifi garaagarummaa hangamii akka ta’e beekuun hubannoo cimsuufi . Kana malees sadarkaa addaddaatti looga jidduusaaniitti mul’atu kana wanti asiin dura bifa barreeffamaatiin dhiyaate waan hin turreef kana sirriiti gabbisuun xiinxaluuf kaka’uumsi guddaan waan qoratichatti uumameefi. Achumaanis gaaffilee bu’uuraa itti aanan kanniiniif deebii kan barbaadu ta’a:- Looga/loqoda jechuun maal jechuudha? Loogni hawaasaa dubbii afaanii saba tokkoo keessatti dhiibbaa ni qabaa? Yoo qabaate kan akkamii? Faayidaan inni gama guddina afaaniitiif qabu hoo? Loogni Oromoo godinaalee Arsiifi Baalee jidduutti mul’atu kan akkamiifaa? Dhiibbaan isaanirra geessise jiraa? Sababni looga kanaaf ka’umsa ta’e maali? 1.3 Kaayyoo Qorannichaa Kaayyoon qorannoo kanaa bakka lama gadiitti hiranmuun dhiyaatu. Isaani:- 1.3.1 Kaayyoo Gooroo Qorannichaa - Looga/loqoda Oromoo godinaalee Baaleefi Arsii jidduu jiran qaaccessuu 1.3.2 Kaayyoo Gooree Kaayyoleen gooree qorannoo kanaa kanneen armaan gadiiti:- 1. Maalummaa loogaa/loqodaa ibsuu 2. Dhiibbaa loodni dubbii afaan hawaasa tokkoo keessatti qabu agarsiisuu 3. Faayidaa loogni gama guddina afaaniitiin qabu addeessuu 4. Sadarkaa looga Oromoo godinaalee Baaleefi Arsii jidduu jiruufi dhiibbaa uumame adda baasuu 5. Sababoota uumama loogaa tarreessuu 1.4 Barbaachisummaa Qorannichaa Qorannoon kun gaggeeffamee yoo xumurame bu’aalee gadii hawaasichaafi dubbistootaaf buusuu danda’a:- Qorattoota gara fuulduraa bal’inaan waan akkanaarratti qorannoo taasisaniif akka ka’umsaatti gargaaruu danda’a. Qaamoleen maddaafi waaltina afaaniirratti hojjatan madda ragaa godhachuu danda’u. Faayidaafi miidhaa loogaa hawaasa beeksisuun waan godhuu qabu akka godhu hubannoo ni uuma. Dagaagina Afaan Oromootiif gumaacha tokko ni ta’a. 1.5 Daangaa Qorannichaa Qorannoon kun akka humnaafi haala jiru wajjiin deemuuf karaalee lamaan daanga’eera:- A. Qabiyyeedhaan:- Qorannoon kun waa’ee looga Ormoo qofarratti xiyyeeffata. B. Bakkaan:- Bakki qorannoon kun itti xiyyeeffatu naannoo Oromiyaa godinaalee Baaleefi Arsiiti. 1.6 Mala Qorannoo Qorannoon kun malleen qorannoo jiran lachuu ( mala qorannoo akkamtaafi hammamtaa) fayyadamuun gaggeeffama. Sababnisaas odeeffannoo karaa sirriifi gadifageenyaatiin qaamota dhimmi ilaalu yookiin hubannoo kan qabanirraa argachuuf bal’inaan jechootaan ibsuufi qaaccessuuf mala akkamtaa yammuu fayyadamu, ragaa argame lakkoofsaan xiinxaluuf ammoo malli hammamtaa dhimma itti bahama jechuudha.(Dastaa 2002) 1.7 Mala Iddatteessuu Iddattoon ffiixaan bayiinsa qorannootiif baay’ee murteessaadha. Hayyuun Trochin (2006) iddattoo yoo ibsu, ‘ Sampling is the process of selection units from population of interests. So that by studing the sample we may fairly generarilize our result back to population from which were chosen.’ jedha. Akka yaada hayyichaatti iddattoon adeemsa waan/tuutabaay’ee keessaa muraasa fudhachuun raga itti funaananiidha. Kunis fedhii namootaatiif tuuta keessaa filatamu sanirratti hundaa’uu ta’uu akka qabu lafa kaa’a. Haaluma kanaan qorannoo kanaaf malleen iddattoo jiran keessaa iddattoo al-carraa kaayyeffataatti gargaaramuun namoota godinaalee kanniin bakka bu’an aanaalee godinaaleen kunniin qaban tokkoon tokkoosaanii keessaa aanaalee lama lama walitti afur(4) fudhatamaniiru. Isaanis godina Baalee keessaa aanaalee Sinaanaafi Gaasaraa keessaa gandoota aanaa Sinaanaa ganda Hara Booqaa, Shaalloo Shanakkaa yoo fudhtaman gandi Itayyaa, Shawaddee, Amiinyaa, Woxeefi Suraaraa Koloobaa gandoota aanaa Gaasaraarraayyi. Godina Arsii Lixaa aanaa Shaashamannee keessaa ganda Maraaroofi Xaaxessaa yammuu ta’u, aanaa Arsii Nageellee keessaa ammo ganda Jiddoo Fiiqqeefi Wotara Dhaamotaa filatamaniiru. Baay’inni namoota qorannoo kanaaf filatamanii immoo tokkoon tokkoo godinaalee keessaa namoota torba torba yoo ta’an walitti namoota kudha afurtu filatame. 1.8 Meeshaalee Funaansa Ragaa Qoannoo kanaaaf meeshaaleen funaanasa raga af-gaafiif marii Gareeti.Isaanisi akka armaan gaditti ilaalama. 1.8.1Af-gaafii Afgaafiin nama barateef hin baranneefis waan barbaachisuuf qorannoo kanaafgaffiin banaaf cufaan filatameera.Akka Dastaan (2002) ibsetti,afgaafiin karaa odeefannoo ittiin sassaabnu ta’ee,kan odeeffataan odeeffannoo kallattiin ittiin argatu dha. 1.8.2 Marii Garee Malli odeefannooqorannichaaf ittiin sassaabamu inni biroo marii gareeti.Mariin garee namoota dhimmicha irratti hubannoo qaban garee gareetti qoqqooduun kan odeefannoon irraa argamu dha.Akka Moorgaan (2007)ibsetti “focus group is from agroup interview we thought not in sense of back words between interviewer and groups rather the reliance on the intraction with the group who discussed topic by the researcher”jedha. Kana jechuun garee dhimma mata-duree murtaa’e tokko irratti odeefannoo argachuuf qorataan hirmaattota wajjiin mari’atu dha. 1.9 Adeemsa Qaaccessa Odeefannoo Qorannoo keessatti haaluma wixinee kanaa irratti hunda’uun seenduubee qorannoo erga ibsameen booda,haaluma tartiiba kaayameen goolabaaf yaboo kaayuun goolabama. 1.10 Karoora Yeroof Baajataa 1.10.1 Karoora Yeroo Qorannichaa T.L Gochaawwan Yeroo raawwii gochaalee Amajjii Gurraan Ebla Caamsaa Waxa dhala bajjii 1 Mata duree filachuu √ 2 Ogbarruu sakatta’uu √ √ 3 Wixinee qopheessuu √ 4 Malleen qorannoo cimsuu √ 5 Meeshaalee funaansa ragaa qopheessuu fi √ √ fooyyessuu 6 Odeeffannoo funaanuu √ 7 Odeeffannoo qindeessuu √ 8 Odeeffannoo qaaccessuufi hiikuu √ 9 Gabaasa duraa gorsatti dhiyeessuu √ 10 Faccisuu √ 1.10.2 Karoora Baasii/ Baajata Qorannichaa T.L Wantoota barbaachisan Safartuu Baay’ina Gatii tokkoo Gatii hundaa 1 Kobbeef (halluu adda addaa ) Lakk. 4 5 20 2 Waraqaaf Pck. 1 110 110 3 Sarartuuf Lakk . 1 10 10 4 Qabduu waraqaa Lakk. 1 25 25 5 Barreeffama kompiiteraatiif Fuula 80 5 400 6 Footokoppiidhaaf Fuula 80 0.75 60 7 Geejjibaaf Guyyaa 5 300 1500 8 Oolmaa laaqanaatiif Guyyaa 8 200 1600 9 Jildeessuuf Koppii 3 60 180 10 Ofeeggannoof Qar. 400 400 400 Ida’ama 4305 Wabiilee Addunyaa Barkeessaa (2009).Natoo,Finfinnee. Addunyaa Soorii (2009).Qabsiisa Waaltina Afaanii.Yunvarsiitii Dillaa. Dastaa Dassaalenyi(2002).Bu’uuraaleeQrannoo, Finfinnee. Finchnewman(2009) FundamentalofLiterature. Morgan (2007) TheoriesofLiterature. Trochin(2006)TheoryofFolkiore. Warieng (1999).BasicFolklore.
Copyright © 2024 DOKUMEN.SITE Inc.