Bar Ja Al Eeeeeee

April 3, 2018 | Author: yusuf | Category: Languages Of Africa, Human Communication, Linguistics, Symbols, Reference


Comments



Description

0 0 0 i ii iii iv BOQOONNAA TOKKO 1. SEENSA 1.1. Seenduubee Qorannichaa Barreeffamni karaa waan tokko mallattoole adda addaatti fayyadamne ergaa fi yaada dabarfaachu barbaannu sirna barreeffamaa hordoofne ittin ibsannuudha. Geetaachoo Addunyaa (1992:95) yoo ibsu"barumsa ilma nama keessa inni guddaan yaada barreeffaman dabarsuu danda'uudha.namni otoo barreeffamatti hin fayyadaminiin duralle mallattoolee addaaddaatti (fakkii,suuraa, wkf) hojjeechuun yaadasaa dabarsaa turuun Isaa seenaan guddinni ilma nama keessa darbee ni mul'iisa "jedha. Dabalataan maddi inteerneetii"www.omniglot.com.writing/definition/htm)waa'ee barreeffama yoo ibsu writing is method of represent languages in visual and tactile from writing system use sets of symbols to represent the sound of speech and many also have symbols for such thing as punctuation and numerals " yaada kanarraa kan hubannu barreessuun mala argaa fi dhageettii sirna barreeffamaa fayyadame afaan bakka buusnuu fi akkasuma tuuta mallattoo barreeffama gargaaramnee kan sagalee dubbii afaan tokkoo bakka buusnudha.barreeffamni afaan qofa osoo hin taane yaada barreessa fi dubbataa tokko bakka bu'uu danda'a.Geetaachoo Addunyaa (1992:65) yaada kan yoo ibsu"Barreeffamni bakka dubbataan hin jirreetti yaadasaa haala qulqulluu fi ifadhaan dabarsuuf faayidarra oola jedha. Waa'ee barreeffama afaan oromoo yoo kaasnu haalli jalqabbi ogbarruu afaan oromoo irraa ka'uun dirqama kunis afaan oromoo baay'inaan barreeffamu kan egaale jarraa19ffaa as yoo ta'u keessumayyuu misiyaanonni Awuurooppaa hojii baay'ee qubee Roomaa,Saabaa fi Arabaa fayyadamuun kan barreessan yoo ta'u kunis macaafa qulquulluu dabalatee faaruu amantaa fi miti amantaa,galmee jechoota,mammaaksa,walaaloo fi kitaabolee adda addaa Barreessaa turaniiru.ta'uus barreeffamoonni kun hayyoota alaa fi afaan biroon barreeffamaa turuun Isaani beekamaadha. 1 Sanaa as garuu qabsoo fi dadhabbii hayyootaa fi uummata oromoo irraa kan ka'e bara 1970 as afaan oromoo barreeffama mataa Isaa akka qabaatu taasifame. Yaada kana Asaffaa Tafaarraa (2009:165) yoo ibsu"byshaykh Bakri demonstrated that afaan oromoo needed it's own writing system and also anticipated the adoption of the latin alphabet in the early 1970 wich became qubee afaan oromoo in 1991" kanaaf yeroo amma naannoo oromiyaatti qubee laatiini afaan oromootti madaksuun dhimma itti ba'amaa jira.Kunis bara 1984 as jijjiirama mootummaa darbee wajjin walqabate naannoo oromiyaatti hojiirra oole. Yaada kana haala deeggaruun Haayilamaaram Qaqqaba (1991:32) yoo ibsu "edda dargiin kufee kaasee1992/1983 garuu biyyaatti isa ajjeefte awwalaa turte keessatti afaan oromoo beekame afaan barnootaa fi afaan hojii ta'ee tajaajila keenna jira kana malees afaan qormaataa fi afaan saayiinsi fi teknoolojii ta'e tattaafachaa jira"jedha.Yaada kanarraa kan hubatamu afaan oromoo guddina yeroo amma agarsiisaa jiru keessa Barreeffamni Isa tokko. Kunis gama tajaajila barreeffama wajjiroota, beeksisoota adda addaa, barreeffama barruulee barnootaa, ogbarruu garaagaraa fi barjaalee fa'a ta'u ibsa. Barreeffamni barjaalee gosoota barreeffama beeksisaa keessa tokko.Innis baay'inaan magaaloota keessatti kan argamu yoo ta'u odeeffannoo adda addaa keennuf kan ooludha. Maddi inteerneetii en.m.Wikipedia. org/wiki/billboard. Barjaa yoo ibsu" Billboards present large advertisement to passing pedestrianvs and drivers. Typically showing large ostensibly witty slogans, and distincteble visuals, billboards are highly visible in the to designated market areas".yaadni kun kan ibsu barjaaleen beeksisaawwan gurguuddoo kan warri lafoo fi koonkolaachistoonni karaa irra darbaannitti kan arganii fi bocnii barreeffama isaani gurguuddaa, hawwatoo, qabataamoo ta'anii fi ilaaluf kan nama harkiisaanidha.kan malees barjaaleen baay'inaan kan argaman naannoo magaalootti ta'uu Isaa ibsa. Dabalataan maddi kun waa'ee barjaalee yoo ibsu "They have to be readable in every short time because they are usually read while being passed at high speed.Thus there are usually only a few words, in large print and humorous or arresting image in brilliant color"yaada kanarraa kan hubannu barjaaleen yeroo gabaaba keessatti haala salphaa ta'een dubbiifamu.sababni isaas ariitii cimaa keessatti darbaani yeroosuma dubbifamu danda'u.kunis ta'u kan danda'eef, jechoota muraasa kan qaban, barreeffama hammi boca isaani gurguudda ta'en kan barreeffamanii fi 2 akkasuma haalluwwaan addaa kan suuraa uumanii ofiitti nama hawwaachuu danda'aaniin kan barra'an ta'u qaba.yaada jedhu of keessaa qaba. Walumaagalatti barreeffamoonni barjaalee dhiimmoota adda addaa irratti hunda'aani barreeffamu isaanis, karaa irratti kallaatti agarsiisuf, hooteela irratti odeeffannoo hooteela keessatti argamu keennuf, duunkaana daldalaa fi waarshaalee adda addaaf,immoo oomisha ittin ibsaachuuf akka beeksiisaatti tajaajila keenna. 1.2. Ka'uumsa Qoraannoo Mata-duree Qaacceessa barreeffamoota barjaalee Afaan oromoo magaalaa mojoo jedhu kanarratti qoraannoo adeemsisuuf ka'uumsa kan ta'e, barreeffamoonni barjaalee karaa irraatti kan argamanii fi kan namni kamiiyyuu argu waan ta'aniif qoratichi gama muuxannoo isaatin rakkoowwan akka qubeessuu, caasaalee fi jijjiirraa afaanii barjaalee kana keessatti yeroo dheeraaf bakkeewwan garaagaraa keessatti taajjabuu isaati. Gama biroon barreeffamoonni barjaalee Afaan oromoon barreeffaman xiiyyeeffannoon itti keenname akka barreeffaman gochuuf, barjaaleen kunneen gama guddina Afaaniitin gahee isaan qaban agarsiisuu yoo ta'u kana malees, rakkoowwan karaa barreessitootaa fi barreessifattoota kanaan dura barjaalee irraatti mul'aacha turan xiqqeessuuf qoraannoon kun ni gaggeeffamera. Gaaffiilee Bu'uuraa Qoraannoon kun gaaffiilee armaan gadiif deebii keenna jedhamee amanaama. 1) Ulaagaaleen barjaalee magaalaa mojoo akka beeksiisa gaariitti tajaaluuf guutu qaban maal fa'aa? 2) .Rakkoowwan barreeffamoota barjaalee magaalaa mojoo keessatti mul'atan maal fa'aa? 3) Gaheen barjaaleen kun gama guddina afaan oromootin keennan maalidhaa? 1.3. Kaayyoo Qoranniichaa 1.3.1. Kaayyoo Gooroo 3 Kaayyoon gooroo qoraannoo kanaa barreeffama barjaalee Afaan oromoo magaalaa mojoo qaacceessudha. 1.3.2. Kaayyoo Gooree 1) Ulaagaalee barjaalee magaalaa mojoo akka beeksiisa gaariitti tajaajiluuf guutu qabu ni eera. 2) Rakkoowwan barreeffama barjaalee magaalaa mojoo keessatti mul'aatan maal fa'a akka ta'an ni tarreessa 3) Gahee barjaaleen kun gama guddina Afaan oromootin keennan ni ibsa. 1.4. Barbaachisummaa Qorannichaa Qoraannoo kana irraa faayidaaleen argaman.  Guddina barreeffama afaan oromootiif gahee mataa isaa ni qabaata.  Furmaata qorannoo kanaatin waajjiraleen mootummaa fi miti mootummaa saayinsii afaan oromoo sirrii ta'en tajaajila keennu eegalu.  Yaadni farmaata kaa'aman yoo hojiirra oolan, namoonni afaan oromootiin beeksisa barjaalee barreessanii fi barreessisan hubannoo ni argatu.  Namoota qoraannoo kan fakkaataa gaaggeessaniif akka madda ragaatti ni tajaajila. 1.5. Daangaa Qorannichaa Qorannoon kun qaacceessa barreeffama barjaalee afaan oromoo magaalaa mojoo jedhu irratti kan xiyyeeffateedha. kunis dhimmoota akka ulaagaa barjaa,rakkoowwan barjaalee kan irratti argamanii fi akkasumas, gahee isaan guddina afaan oromootiif qaban hammata.Gama birootin qorannoon kun magaalaa mojoo keessa gandoota lama(2) jechuunis ganda 01fi 02 irratti qofa.Sababni isaas gandootin lammeen kun naannoo daldalli keessatti bayyatuufi kan hojiileen bal'aan keessatti gaaggeffamu waan taateef , kanaf qorannoon kun barjaalee daandii cinaa dhaabbatanii fi manneen daldala adda addaarratti manxanfamanii odeeffannoo keennan irratti 4 yoo ta'u barreeffama afaan oromootin barraa'en ala hin ba'u fakkeenyaaf kanneen akka afaan ingiiliifaa fi afaan amaariiffaa hin hammatu.gama birootin wantoonni qoraannoo kan keessatti laalaman rakkoowwan haalluu ,barreeffama,hamma barreeffama fi kanneen kan fakkaatan ilaallata. 1.6. Hanqina Qorannichaa Qorannoon kun yemmuu gaggeeffamu rakkoowwan adda addaa qoraticha mudataniiru. √ Rakkoo yeroo √ Rakkoo bajetaa √ Rakkoo kitaabilee wabii gahaa dhabuu fi kan kana fakkataniidha. Kanaafuu, sababa rakkoolee kanaatiin argannoon qorannoo kana hamma barbaachiisarraa hin gahamne. 1.7. Ibsa Naannoo Magaalaan mojoo godina shawaa bahaa aanaa lumeetti argamti.Akka ibsa waajjira faayiinaansii fi waajjira aadaaf turiizimii irraa argamen,barri hundeeffama magaalaa kana 1888 yoo ta'u, Finfiinnee irra karaa bahaan kiloomeetira torbaatamii shan (75km) fagaattee argamti.magaalaa kun oomisha adda addaatin kan beekamtu yoo ta'u keessumayuu waarshaalee hedduutu keessatti argama. Akka ibsa bara 2008 tin ba'eetti lakkoofsi baay'ina uummaata magaalaa kan kuma 60 fi kudha afur (60.014) yoo ta'u 28.448 dhiira 31.566 immoo dhalaadha. Amantaawwan magaalaa kana keessatti argaman keessa ortoodoksii, pirooteestantii, musliima, waqeeffataa, jihoovaa, kaatoliikii fi kan biroodha. Iddoowwan seenaa qabeeyyii magaalaa kana keessatti argaman kanneen akka dirree fooqaa ,Awaalcha lumee Mi'eechoo,Fincaa'aa laga mojoo fi Holqa Haayilee Baqattuu fa'aatu magaalaa kan keessatti argama. Mooggasni maqaa aanaa magaalaan kun keessatti argamtuus,maqaa nama 5 lumee mi'eechoo jedhamu irraa mooggafamte aanaa lumee jedhamtee akka wamamaa jirtu ni himama. 6 1.8. Mala Qoranniichaa malli qorataan qorannoo kan hojjachuuf itti gargaarame mala qorannoo makoo (mixed methody)dha.malli kun qorannoo kan keessatti odeeffannoon kallatti lakkoofsaa fi allakkoofsaan waan funanamef malli kun filatamee.mala kan Addunyaa Barkeessa (2011:60)yoo ibsuu mala akkamta fi ammamtaa qarannoo tokko kessatti dhimma ba'uun mala tokko qofaatti dhimma ba'uurra hubannoo cima barbaada. Bu'aan adeemsa kanan argamus isa odeeffannoo qorannoo akakuu tokkorraa argamurra guddaadha.dabalaatanis wantoonni nuti agarru dhageenyu kan lakkoofsa qofan kaa'amun yookan kan jecha qofan ibsamu jireenyaaf oolan miti ammam? yoo jennu akkam? jechuunis duukuma jira" jedha. 1.9. Mala Iddatteessu Qorannoo kan mala carraa tasaa fi mala kaayyeffatamaatti(parpusive sampling) fayyadamun iddattoo filata.mallii iddaatteessu carraa tasaa qaama odeeffannoon irraa funaanamu keessa hamma barbaannu tasuma yookan carraadhan kan filaannudha. yaada kan Girmaa Taaddeesa(2014:32)yoo ibsu "simple rondam sample every members of the population has aknown and equal chance of being selcted"jedha.yaadni kun iddaattoon tokko filatamuuf carraa walqixaa qabaachuu isa ibsa.kanaf iddaattoo qorannoo kanaaf ta'an magaalaa mojoo ganda 01 fi 02 keessa barjaalee 50 kan ta'an carraadhan loogii tokko malee filatamuun iddaattoo qorannoo kan ta'aniiru. Malli biroon qoranoo kan keessatti itti fayyadamee mala kaayyeffatamaa. malli kun immoo mala iddaatteessu miti carraa keessaa tokko. mala kana Addunyaan (2011:67) yoo ibsu" Iddaassuu akkayyoo(parpusive sampling) akaakuu iddaassuu miti carraa kun qorataan tokko beekumsa dhimmicharratti qaburraa ka'ee kannen odeeffannoo irraa argachuu danda'u murteessuu ilaallata.kanumarraa ka'uun qorataan odeefkeennitoota barbabaachisoo ta'an ogeessoota afaanii fi barsiisoota afaanii lama akka odeefkeennitoota murteeffamootti dhimma itti ba'ee jira. 7 1.10. Meeshaalee Funaansa Ragaa 1) Sakatta'a Galmee Galmee (dookumantiin) sakatta'uun mala odeeffannoon itti argamu keessa tokko. Kunis barreeffamoota dhimma qarannoo wajjin wal qabatan kan barreeffamanii jiran irraa ragaa funaannachuudha.yaada kan dastaan (2013:131) yoo ibsu "Barreeffamoonni akka odeeffannootti fayyadan keessa,kitaabota,xalayoota,gaazexaa,barruulee adda addaa, waraqaa ragaa, nagahee, ajandaa,qaboo ya'ii, barreffamoota murtii, yaadannoo fi kanneen kana fakkatan ta'u danda'a.kanaf barjaalee qorannoo kana keessatti akka wantoota barreeffaman jiraaniitti itti fayyadameera. 2) Af gaaffii Afgaaffiin gosoota odeeffannoon qorannoo itti funaannu ta'een kan qoraatan fula fulaatti yookan qaaman osoo wal hin agarree bilbilaan odeeffannoo odeefkeennitota irra itti argachu danda'uudha. hayyuun kothari (2007: )yoo ibsu" This medhod can be used though personal interviews and, if possible though telephone interviews" jedha. haala kanaan qorataan ogeessa afaani fi barsiisaa afaanii fudhachuudhan afgaaffii banaa taasisee jira. 8 BOQONNAA LAMA 2. Sakatt'a Ogbarruu Boqonnaa kana jalatti barruulee dhimma qorannoo kanaan walqabatantu dhiyaata. 2.1. Maalummaa Barreeffamaa Maalummaa barreeffamaa ilaalchisee yaadawwan hanga har'atti ibsaman yoo ilaallu hayyuun Tule (1996)sirni barreessuu yeroo amma kan bifa horatee tajaajila keenna jiru jalqaba sirna barreeffama dhagaa fi wantoota akka gogaa akkasuma kan biroo irratti akka jalqabee fi guddachaa har' a sadarkaa ammayyaa irra akka gahee ibsa.Dabalatan galmeen jechoota "Advanced learner dictionary"(1974:114) jedhamu yoo hiiku "Writing si making letters or others symbols with a pen or pencills symbols words, message especially on a paper or several materials " jedha. Akka hiikaa galmee kanaatti barreessuu jechuun qubee yookan mallattoolee biroo qalama yookan qubeessaadhan mallattoo, jecha fi ergaa wayii waraqaa yookin meeshaalee barreeffamaa kan biroo irratti barreessudha yaada jedhu qaba. 2.2. Gosoota Barreessuu 2.2.1. Qajeelfaman Barreessuu Akka hayyuun Geetaachoo (1996:7) irratti jedhuutti "Gosti barreeffama kuni bifa qubee yookin sagaleedhan iddoo sagalee fi jechoota gidduutti argamu madaluudhan barreeffama bareedina yookin midhagina qabu barreessuudha" jecha.kanaaf qajeelfaman barreessun barreeffama tokkoo kallaatti qabsisuuf akkasum dogoggoroota salphaa irraa of qusaachuuf nu dandeessisa.! 2.2.2. Too'annaan Barreessuu Too'annaan barreessuun mala sadarkaa sadarkaadhan dandeetti barreeffama cimsachuudhaaf waa'ee waan tokkoo karaa qabsisuudha.yaada kan hayyuun Jesa (2005:12)irratti yoo ibsu "Writing skill refers enforming symbols represently sound of language and range to free expression " jedha yaada kanarra wanti hubannu barreessun muxannoo ibsa yaada bilisaa fi mallattoo afaan bakka bu'u ta'u isaati. 9 2.2.3. Barreessuu Walabaa Gostii barreessu kun yaada sammuu namatti dhufe akkuma dhufeetti barreessudha. Kathlen (1997:19) yoo ibsu " free writing involves non stop for elimited usualy around five or ten minutes write whatever come in to yours mind regardles of whether it is about the topic or not" jecha.waraabbin kun kan ibsu barreessuun walabaa dhimma mata duree ilaallatuu fi kan ilaallane yaa ta'u wanta sammuu keenyatti nu dhufe daqiiqa shanii hangaa kudhaniitti barreessudha. 2.2.4. Rakkoolee Barreessuu Keessatti Nama Muudatan Barreeffama tokko yammuu barreessinu rakkoole heeddu nu muudata.Dogoggorri akka barreessan barreeffama isaa osoo hin beekin barreeffama isaa mul'atuudha. Wanti inni barreesses ergaa in loll lnini barreesse dabarsu barbadee sana keessatti mul'achu ni danda'a yaada kana hayyuun Marius (1998:479) irratti ibsutti " speling is one the enief signs of literacy. if you misspel words your readers may understand you.Akka ibsa hayyuu kanaatti rakkoon hanqina qubeessu akka dubbisaan barreeffama kee hubachu isaa irratti dhibbaa kan geessisu ta'u isaati 2.2.5. Akkaataa Dandeettii Barreessuu Itti Cimsatan Qubee guutuu ta'een barreessuuf shakala qabatamaa barbaada. Hammuma shakallu dandeetti keenya cimsanna. Yaada kana kan deeggaru kitaabni " Eneyclopiedia Volume Four(2001:511) akkas jedha."A persan who want to be free from misteks should set size same time to write every day"jedha. yaadni kun namni barreeffama dogoggora irraa bilisa ta'e barreessuuf shakala gaha tahee tokko taasisuu akka qabu ifatti kaa'ee jira. 2.2.6. Adeemsa Barreessuu Barreeffama barreessan tokko kan akka salphaatti galmaan gahan osoo hin taane adeemsa yaada burqisiisu, barreessuu fi irra deebi'anii dogoggora jiru sirreessu gaafata.yaada adeemsa barreessuu hayyuun Raimus (1983:264) "The writing process is not a liner one of pre-writing. writing and revising " jedha akka yaada hayyuu kanaatti barreessun adeemsa osoo hin barreessin irra egalee hanga barreeffamichi gulaalamutti kan hordoofamu ta'uu qaba jechuudha. 10 2.3. Madda Rakkoo Hanqina Barreessuu Barreeffama Barjaalee Afaan Oromoo 2.3.1. Rakkoo Afaan Oromoo Wallaaluu Afaan ittin barreessan sana yoo hin beekne ta'e maal akka jedhuu fi caasaa afaanichaa akkasumas, hiikaa jechootaa sirriitti hin beeknu taanan hima tokkoyyuu barreessun rakkisaadha. Akka yaada Byren (1988) ibsutti yeroo barreeffaman ergaa dabarfannu caasaa himas, ta'ee jechoota sirrii filannee kan sirreesinu ofuma keenyati jedha. gama biroon immoo rakkoo umamu akkaataa jechoonni afaanii itti sagaleeffamu wallaaluun namoonni afaan hin beekne barreessuu keessatti umaaniidha. Marius (1998:480) yoo ibsu "Many people misspel word becouse they pronounce the incurrectly" jedha. 2.3.2. Rakkoo Adeemsa Barreessuu wallaaluu Rakkoon adeemsa barreessuu wallaaluun barreeffama tokko keessatti maal barreessuu, akkamitti barreessuu jedhee barreessaan tokkoo otoo hin karooftin rakkoo umamuudha.Adeemsa barreessuu misgaanuun akkas jechuun hiika itti laateraa " Barreessan tokko duraan dursee yaada burqisiisuu, yaada burqisiisifame sana ijaaruu, barreeffama jalqabaa sana fooyyeesudhaa hanga xumuratti jiru beekuu qaba"jedha. kanaaf namni adeemsoota kana hin beekne barreeffama keessatti rakkoo umaa. 2.3.3. Rakkoo Karaa Barreessitootaa Rakkoon kun rakkoo dandeetti barreessu ta'ee kan osoo dandeettii hin qabaatin calliisanii barreessaniidha.yaada kan hayyuun largon (2009: 530) irratti akkas jedha."Poor speling often result from bad habits developed in the early school year with work. Such habit can be corrected"jedha. Yaadni kun rakkoon qubeessuu (dogongooraan barreeuu) kan umamu amaleeffannaa badaa yeroo barnootatii hanga hojiitti umamuudha. Amaleeffennaan akkasiis sirreeffamuu qaba jedha. 2.4. Afaan Oromootin Barreessuu Yeroo Ammaa Yeroo amma afaan oromoo afaanoota qubee laatinii fayyadamun barreeffaman keessa tokkodha.Qubee laatinii gara afaan oromootti madaksanii gargaaramutin jijjiramni mul'atan ni 11 jiru isaanis sagalee hudhaa (') dabaluu, jijjiramuu sagaleessuu qubeewwan |c|,|q|,fi |x|, sagaleewwan dhootuu,laagaa[c], harsassee[k], fi irga [t] bakka bu'anii jiru. Jijjiraamni biroon quneewwan dachaa fayyadamuudha.isaaniis,|ch|, |dh|, |ny|, |sh|, fi |ph| dha.kunis sagaleewwan laagee rigdu [ch] irgee dhoowaa [dh] laagee funyee [ny] lagee lootuu [sh] hidhlamee dhootuu [ph] kanneen bakka bu'aniidha. Kanumaan walqabatee, jijjiraamni jiru bakka barbaachisutti dubbaachiisaa dheeressuu fi gababsuu akkasuma, dubbifamaa jabeessuu fi laaffisuudha. (Samu'el 2010) 2.5. Guddina Afaanii Guddinni afaan tokkoo kallatti garaagaran ilaalama yookan safarama.kunis afaan tokko guddate kan jedhamu ulaagaa afaan guddate tokkoo yoo guuttateedha. Afaan oromoo yeroo amma kana guddateraa yoo jechuu baannes rakkoowwan duraan irra gahaa ture irraa dandamatee tattaafachaa jira. Ibrahim H/Alii (1995:70) waa'ee afaan oromoo akkas jechuun ibse "Afaan oromoo jarraa(bardhibbee) tokko ool cunqurfameera, hacucameera, samameera, akka hin guddanneef, suuta-suutan dhabame akka du'uf ammoo afaan katabbii kan barumsaa fi kan hojii akka hin taane seeran uggurameera, dhabamsisuun, bal'inasaa, dhiphisuu fi daangeessun hin danda'amne" jedha. 2.6. laagalee Guddina Afaanii Agarsisan 2.6.1. Waltina Loogaa waltinnii loogaa garaagaruumma afaan tokko keessatti haala garaagaraan umame walitti fiduun akka tokko ta'u gochuuf itti fayyadama afaan tokko haala rakkoo hin uumneen walsimachiisuf fayyada. Hayyuun Assaffaan (2009:114) yoo ibsu "loogni afaanii walitti dhufeenya dhabuun, teessuma lafatiin, walumaagalatti qunnamtii dhabina afaan saba tokkoo keessatti kan umamuudha.Afaan kamiyyuu looga qabaachu ni danda'a.Afaan oromoos looga qaba. yeroo ammaa garuu loogawwan afaan keessa jiru walteessuf carraaqqin godhamanii jiru. Moggaasnii jechootaa fi yaadachifni jechoota dagatamaniis karaa sab-qunnamtii fi karaa galaalchootaa yookan barruulewwan adda addaa ummaata bira gaha jiru" jedha. 12 2.6.2. Waltina Qubee Waltinnii qubee itti fayyadamaa fi garaagarummaa barreffama afaan tokko keessa jiru dhiphisuuf kan gargaaruudha. Assaffaa(1991:4) irratti waa'ee waltina qubee yoo ibsu "Afaan qubee qabu turaaleessa. Afaaniichi akka walta'u kan deeggaru keessaa qubeen isa tokko. qubees karaa lamaan filatama innis tolfachuu yookin liqeeffachuudha. Karaa kanaas afaan oromoo hanqina isa mudaate jalaa baheera. Liqin jechuudha.Fudhatamnis Fudhatamnis kan gaafachisuu miti kanumaniis waltina looga jiru dhiphisuf tattaaffiin godhe bu'a fideera" j edha. 2.6.3. Bal'ina Faayidaa Bal'inni faayidaa afaan tokko karaa sochii idilawwaa fi itti fayyadama haalota afaan sana irraa eegamu hunda hammattee kan argamudha. Hayyuun Banchmanii fi kan biroo (1996:45) language use taks can be though of informaly as constitution the element activities and sitoutions of language use" jedha. yaadni kun faayidan afaanii kallatti alidileedhaa hanga idilaawwatti caaccuwwan sochii afaanii fi haala itti fayyadama afaanii of keessatti hammachuu isaa ibsa. 2.6.4. Fudhatama Horachisuu (fudhatamummaa) Fudhatamni afaan tokko loognii fi qubeen erga filatame hojiirra oolanii geddarama dhufe ibsa. kunis gama barnootaa, ogbarruudhaan, akkasuma kitaabbilee fi galaalchoonni adda addaa hanga ittin qopha'aaniitti sadarkaa afaan tokko deemu of keessatti hammata. Abarraa (1995:6-8) 13 BOQOONNAA SADII 3. DHIYEESSA, QAACCEESSAA FI HIIKAA RAGAALEE Boqonnaa kana jalatti ragaaleen bifa suuraatin akka dookumantiitti funaannamanii fi af-gaaffitiin sassaabaman mata duree garaagaraa jalatti qoodamuudhaan qaacceeffamaniiru. 3.1. Laagaalee Barreeffamoota barjaalee 3.1.1. Ulaagaa Haalluu Barreeffama beeksisaa fi barreeffamoota barjaalee yeroo barreessinu haalluu wanta irratti barreeffamuu fi ittiin barreessinuu filachuu qabna. sababbiin isaas barreeffamni barraa'e bifa hawwataa fi dubbifamuu danda'uun fayyadamtoota bira gahuu qaba. Barjee 1 (a).Barjaa armaan olii kun rakkoo haalluu fi qubeessuu qaba.Rakkoo jijjiirraa fi qubeessuu mata duree biroo jalatti laallaa. As keessatti rakkoo haalluu barjaa kana yoo laalluu barreeffamni afaan oromootiin Mana Rifeensaa Taammiraat jedhu kan barreeffame haalluu daalacha irratti haalluu 14 adiidhaan barreeffame kun immoo namni halaala dhabbaatu tokko adda baasee dubbiisuuf ni rakkata.kanaaf akka waliirraa adda bahee dubbiifamuu danda'uuf haalluuwwan bu'uuraa kanneen jedhaman kan adii, gurraacha, diimaa, fi magariisaayookan kan biroo fayyadamuu qabna. Barjee 2 (b) Odeeffannoo barjaa kana yoo laalluu Barreeffamni barjaa kanarratti barreeffame haalluun irratti barraa'e diimaa yoo ta'u kan ittiin barreeffame immoo adiidha.kanaaf barjaan kun bifa salphaatin halaala dhabbaatanii dubbissuun odeeffannoo barbaadan argachuun ni danda.ama. 3.1.2. Ulaagaa Odeeffannoo Barbaachiisu Kennuu. Kaayyoo barjaaleen barreeffamaniif inni guddaan odeeffannoo kennuudha.Barjaaleen armaan gadii rakkoo odeeffannoo kennuu qabu. 15 Barjee 3 (a) Odeeffannoo barjaa olii yoo laalluu barreeffamni Minni Maarketii Absaalat jedhu rakkoo qubee, haalluu fi kan,biroo qaba. Kanaaf odeeffannoo kennuu barbaade kennuu hin dandeenye.Jechi minni jedhu akka jirutti yoo gabaabsinee dubbiifne akka naannoo sanatti beekamuutti arrabsoo yookan jecha safuu ta'a. yoo dheeressinee dubbiisnuu immoo minnii jedhu immoo raammoo ilbiisa lubbuu qabdutti hiikamaa. kanaaf jechiichi hiikkaa afaan maddaa akka hin gadhiifneef Miinii Maarkeetii Absaalat yookan afaan oromootiin Giddu Gala Gabaa Absaalat jedhame jijjiirraame barreeffamu qaba. 16 Barjee 4 (b), Odeeffannoo barjaa olii irraa fudhame hima Kiyya Gurgurtaa Meeshaalee Ijaarsaa jedhuu yoo ilaalle dubbiisuudhaan hubaachuu hin dandeenyu. kunis jechi Kiyya jedhu rakkoo qubeessuu fi galumsaa qaba.kanaaf akka galumsaa fi barreeffama afaan oromootti jechi tokko idddoo malee yookan caasaa galumsaa yoo hordoofu baate rakkoo hiikaa fidu danda'a.kanaaf, yoo sirreeffamee barreeffamu Gurgurtaa Meeshaalee Ijaarsaa Kiyyaa ta'a. 3.1.3. Ulaagaa hawwaattummaa. Hawwaatummaan ulaagaa barreeffama kamifuu barbaachiisuudha. barjaan tokkoo hawwaatamaa ta'uuf ulaagaa barbaachiisoo ta'an guuttachuu qaba. kunis haalluu irratti barra'ee, kan ittiin barreeffame, suuraa barjaalee irratti argaman, cimina jechootaa fi caasaa sirrii afaan ittiin barraa'ee of keessatti hammata. Barjee 5 17 Odeeffannoo barjaa olii kana yoo ilaallee Barreeffamni Mana Uffata Aadaa Kookeeti jedhu jedhu hawwaatummaa qaba. innis gama suuraatin yoo iaallee suuraa uffata aadaa fi meeshaalee akka ciicoo kan garaagaraa kan dubaartoonni yeroo uffata aadaa uffatan harkatti qabatan ofirraa qaba.kana malees caasaan barreeffama isaa rakkoo kan hin qabnee fi jechoonni barreeffamichaas hanqina qubeessuu hin qabu. Gama biraan hima Mana Uffata Aadaa Kookeeti jedhu keessatti gaalee uffata Aadaa jedhu yoo ilaallee eenyuummaa waliin kan walqabateedhaa. kana malees jecha kookeeti jedhu yoo ilaallee dubbiisaan (fayyadaman) akka xiyyeeffannoo itti keennuuf maqaa mooggafameedha.kanaaf barjaa kun fayyadamaa oromoo tokko hawwaachuuf humna kan qabuu fi manneen daldala uffata kan biroo irraa kan adda isa taasisu ergaa mataa isaa qaba. 3.2. Rakkoowwan Barreeffamoota Barjaalee Magaalaa Mojoo 3.2.1. Rakkoo Dubbachiistuu Dheeressuu Fi Gabaabsuu Barreeffamoota barjaalee magaalaa mojoo keessatti argama keessaa muraasni isaani rakkoo dubbachiistuu fayyadamu qaba. Kunis barreeffama afaan oromoo keessatti dheeressuu fi gabaabsuun jijjiirama hiikaa fiduu danda'a. Barreeffamoonni barjaalee armaan gadii kanumaan walqabatu. Barjee 6 18 a) Kotta Bunaa Dhugaa. b) Mobaayila Hijiraa c) Moobaayilaa Hijjiraa d) Supha mobaayilaa Biruuk Odeeffannoowwan armaan olii (a-d) jiran rakkoo dubbaachiistuu dheeressuu gabaabsuu qaban akka armaan gadiitti qaacceeffamaniiru. barjaa (a) keessatti jechi Kotta jedhu dubbachiistuun |o|, |a|n gababbaatanii jiru.Akkasuma jecha Bunaa jedhu keessatti |a|n itti dabalameera. kanaaf yoo sirreeffamu Koottaa Buna Dhugaa jedhama. b) barreeffama barjaa kan yoo ilaaluu jecha Mobaayila jedhu keessatti dubbachiistuun |o|n gababbaattee jirti.kanaaf yoo sirreeffamu Moobaayila Hijiraa ta'a. c) moobaayilaa Hijjiraa barreeffama jedhu keessatti dubbachiistuun |a|n jecha moobaayilaa jedhu keessatti dabalamteetti.akkasuma, jecha Hijjiraa jedhu keessatti rakkoo dubbifamaatu jira.yeroo sirreeffamu Moobaayila Hijiraa ta'a Barrreeffama barjaa (d) irra SuPha Mobaayilaa Biruuk jedhu keessatti jechi supha jedhu hanqina qubee qaba. dubbachiistuun |a|n gababbaattee jirti akkasuma jecha mobaayilaa jedhu keessatti |o|n yoo gabaabbatu |a|n immoo faayidaa malee itti dabalamte. yoo sirreeffamu Suphaa Moobaayilaa Biruuk ta'a 19 3.2.2. Rakkoo Dubbiifamaa Jabeessuu fi Laaffisuu Barreeffamoonni barjaalee magaalaa mojoo ganda 01fi 02 keessatti argaman rakkoo dubbiifamaa jabeessuu fi laaffisuu ni mul'ata. barreeffamoonni armaan gadii kanaan walqabatu. Barjee 7 a) Mana Juusii, Fuduurraa Fi Muduurraa Yashii b) Mana Nyaataa Haawii c) Mana Ittitu Salaam odeeffannoo armaan olii (a - c) tti jiran akka armaan gadiitti qaacceeffamaniiru. Barreeffama barjaa (a) Mana Juusii, Fuduurraa Fi Muduurraa Yashii jedhu keessatti jechoonni Fuduurraa fi Muduurraa jedhan qubeen dubbiifamaa |r|n jabeeffame barreeffameera.Kun immoo jijjiirama hiikaa fidu danda'a. kanaaf yeroo sirreeffamu Mana Juusii, Fuduuraa fi Muduuraa Yashii ta'a.akkasuma barreeffama barjaa (b) Mana Nyaataa Haawii jedhu keessatti jechii Haawii jedhuu dubbiifamaa |w|n ni laafee akkasuma dubbaachiistuu |a|n itti dabalamtee jirti. kanaaf yeroo sirreeffamu Mana Nyaataa Hawwii 20 jedhama. Barreeffamni barjaa (c) irratti argamu immoo jechii Ittitu jedhu dubbiifamaa |t|n bakka malee jabeeffamee barraa'era.kunis yoo barreeffamu Mana Itittuu Salaam ta.aa 3.2.3. Rakkoo Fayyadama Irra Butaa Irra butaan jechoota afaan oromootiin barraa'uu keessatti kan gargaaramnu yoo ta'u. Kunis qubeen dubbiifamaa gosa garaagaraa lama yoo waliitti aananii jecha tokko keessatti barreeffaman argamaniidha. Barreeffamoonni barjaalee armaan gadii rakkoo akkasii qabu Barjee 8 a) KUUSAA FARRA ILBSOTAA QOTEE BULTOOTA LUMEE b) Mana Gurgurtta Wuski Fi Dhugaatoolee adda addaa Odeeffanoon armaan olii kun yoo qaacceeffamu barreeffama hima barjaa Kuusaa farra ilbsotaa qotee bultoota lumee jedhu keessatti jecha Ilbsotaa jechu keessatti qubeen gosa adda addaa sadi waliitti aananii barreeffamaniiru . kanaaf akka barreeffama afaan oromootti qubeen dubbiifamaan sadi waliitti aananii hin barreeffamanii kanaaf yoo sirreeffamu KUUSAA FARRA ILBIISOTAA QOTEE BULTOOTA LUMEE ta'a. Barreeffamni barjaa (b) irra jiru yoo laalluu rakkoolee akka qubguddeessaa, seerlugaa, hanqina qubeessuu fi irra butaa argina rakkoowwan jiraan mata duree biroo jalatti qaacceeffamaniiru. as keessatti jecha Gurgurtta 21 jedhu yoo laalluu qubeewwan dubbifama sadi walitti aananii barreeffamani jiru.kanaaf yoo sirreeffamu Mana Gurgurtaa Wuuskii Fi Dhugaatiwwan Adda Addaa jennee sirreessuu dandeenya. 3.2.4. Rakkoo Fayyadama Hudhaa. Hudhaan qubee afaan keessa tokko.Innis jechoota afaan oromoo keessatti akka qubee tokkootti of danda'ee dubbaachiistuu waliin jecha keessatti barreeffama keessatti tajaajila keenna .barjaan armaan gadii rakkoo akkasii qaba. a) Mana Uffata Miidhagaa Daaimmanii Barjee 9 Barjaa armaan olii keessatti jechi Daaimmanii jedhu qubee dubbaachiistuun sadi walitti aananii barreeffamanii jiru.kunis akka barreeffama kanaatti dubbaachiistuu |a| lama fi |i|n tokko walitti 22 aananii barreeffamanii jiru. barreeffama tokko keessatti dubbachiistuun gosa adda addaa lama yookan lamaa ol walitti aananii barraa'u hin danda'anii.Kanaaf akka afaan oromootti dubbiifamaan giduu galuu qaba.Jechi Daaimmanii jedhu yeroo barreeffamu Daa'immanii jennee barreessuu dandeenya. 3.2.5. Rakkoo Seerlugaa. Afaan kamiiyyuu seera mata isaa qaba. seerlugni afaan tokko hin egaamne taanan barreeffamichii rakkoo godhata . Afaan oromoos seeraa fi caasaa ittin barreeffamu kan afaan bira irraa adda taasisuu qaba .Barjaalee armaan gadi rakkoo seerlugaa qabu. Barjee 10 23 Odeeffannoon suuraa barjee (10) irratti argamu barreeffama Meeshaalee Barreessaa Asteer hima jedhu keessatti rakkoo seerlugaa argina. jechi as keessatti Barreessa jedhu yoo fudhaanne seerlugaa galumsaa qaba.jechi Barreessaa jedhu gochaa yookan akka maqaatti tajaajila malee ibsa maqaa ta'ee hima kan keessatti tajaaluu hin danda'uu .Kanaaf jechi kun yoo sirreeffamu himni barjaa kanaa Meeshaalee Barreeffamaa Asteer jedhamee barreeffamuu danda'a. Barjee 11 Odeeffannoon suuraa barjaa (11) irra jiru yoo fudhannuu barreeffama Mana Gurgurtta Wuski Fi Dhugaatoolee adda addaa jedhu arganna. Himni kun rakkoowwan akka seerlugaa, irra butaa, hinqina qubeessuu fi qubguddeessaa qaba.Gama seerlugaatiin yoo laallu jechi Dhugaatoolee jedhu baayyina agarsiisuf kan hima kana keessatti dhimma bahaame yoo ta'u, maxxaantuun jecha Dhugaatii jedhutti maxxaanfame -oolee jedhu maxxantuu afaan oromoo keessa hin jirree fi baayyina agarsiisuf kan hin tajaajilleedha.Kanaaf jechi kun baayyina agarsiisuf Dhugaatiwwan jedhame barreeffamu qaba. Himni barjaa kana rakkoowwan biroo dabalatee yoo sirreeffamu. Mana Gurgurtaa Wuuskii Fi Dhugaatiwwan Adda Addaa jedhamee barreeffamu danda'a. 3.2.6. Rakkoo jijjiirraa 24 Jijjiirraan yaadan afaan maddaatin barreeffame tokko akka rakkoo hin umneetti gara afaan itti jijjiiruudha.Barjaalee afaan oromoo magalaa mojoo keessatti rakkoowwan karaa jijjiirraa ni mul'ataa. Barjee 12 Barjaa armaan olii keessatti gaalee POOLII LAGGASAA jedhu argina. Gaalee kan keessatti jechi POOLII jedhuu kallaattiidhan afaan maddaarraa ( ingiliiffarraa) jecha POOL jedhu irraa fudhatame. kun immoo hiikaa biraa laata.Kanaaf jechi kun yeroo afaan oromootiin barreeffamuu akka afaan ingiliiziitti sagaaleeffamee barraa'u hin qabu. yoo sirreeffamu PUULII LAGGASAA jedhamee barreeffamuu danda'a. 25 Barjee 13 Odeeffannoo Barjaa lakkoofsa 13 armaan olii yoo laallee himni Mana Isteeshinarii Inaayaas jedhu barreeffama afaan amaariffaa kan .....jedhuun wajjin wal hin gitu.Akkasumas, jechi isteeshinaarii jedhu afaan ingiliiffarra fudhatame afaan amaariffaan hiikaame jira. Kanaaf barjaa kana keessatti kan mal'atu rakkoo jijjiirraa fi qubee kan argamu yoo ta'u.Akka jijjiirraatti afaan tokko garaa afaan birootti yoo jijjiirru yaada yookan jecha afaan irraa jijjiirru sana bakka bu'u yoo dhabne ergifachu dandeenya.Barreeffamni barjaa olii keessatti mul'atu garuu hiikaa sirrii afaan oromootiin qaba. Kunis Mana kuusaa Meeshaalee Barreeffamaa Inaayaas jedhamee barreeffamu danda'a. Dhimma kanarra odeeffannoo karaa afgaaffiittin sassaabame yoo laalluu Barreeffamoonni barjaalee magaalaa mojoo rakkoo garaagaraa kan akka jijjiirraa fi kan biroo kan umaaniif namoonni barjaa barreesiifatanii muraasni isaanii afaan oromoo kan hin beeknee fi akkasuma namoonni barjaalee barreessan dandeetti afaan oromootiin barreessuu kan hin qabnee fi maallaqa argachuuf jechaa hojii mana maaxxansa kan hojjeetan yoo ta'u. namoonni barjaa barreesiifatan kaawwan immo dubbisuu waan hin dandeenyeef rakkoowwaan barjaalee qaban kan adda hin baasneedha. Madda Tashoomaa Margaa Ogeessa afaani fi I/A/G/W/A/T/ Magaalaa mojoo Yaadnii kun walumaagalatti yoo ibsamu. Afaan oromootiin barreessuuf dandeetti afaan beekuu fi akkasuma haala afaan oromoo ittin barreeffamu beekuun kan barbaachiisu yoo ta'u.Akkaataa 26 afaan oromoo ittin barraa'uu, seera afaanii fi caasaa isaa yoo hin beekne waanti barreeffamu hiikaa yaadameef dhiisee waan biraa jechuu danda'a. 3.2.7. Rakkoo Hamma Gurguddina qubee (font size) Barreeffama barjaalee magaalaa mojoo tokko tokkoo rakkoo hamma gurguddina qubee ni qabu. dhimma kanarratti odeeffannoowwan armaan gadi qaacceeffameraa. Barjee 13 Odeeffannoo barjaa kanarraatti yoo laallee barreeffamni afaan oromootiin Mana midhaaginaa dhiiraa jedhu rakkoo hanqina qubee fi hamma gurguuddina qubee (font size)qaba.kunis jechi afaan oromoomiffan GALAAKSII fi kan afaan amaariffaan barraa'e hammaan baay'ee barreeffama mana midhaagina dhiiraa jedhuu caalaa. Kunis namni halaala dhaabbatu tokko barreeffama mana midhaagina dhiiraa jedhu kana dubbiisuuf rakkachuu danda'a. Kanaaf akka wal madaaluuttii fi dubbifamuutti barraa'u qaba. Walumaagalatti odeeffannoon barreeffamoota barjaalee magaalaa mojoo keessa ganda 01 fi 02 irraa sassaabame rakkoolee jiru waliin gabatee gaditiin dhiyaatee qaacceeffameraa 27 lakk Barreeffamoota barjaa irraa rakkoo isaanii Barreeffamoota sirreeffame fudhataman 1 Mana Uffata midhagaa Daaimmanii qubee Mana Uffata Daa'immanii 2 Mana Juusii, Fuduurraa Fi qubee Mana Juusii, Fuduuraa Fi muduurraa Yashii Muduuraa Yashii. 3 Mana Gurgurtta wuski fi qubee fi seerlug Mana Gurgurtaa Wuuskii fi Dhugaatoolee adda addaa Dhugaatiwwan Adda Addaa 4 Minni Maarketii Absaalat qubeefi jijjiirraa Miinii maarkeetii Absaalat ykn Giddu Gala Gabaa Absaalat 5 Kiyya Gurgurtaa Meeshaalee qubee fi seerlug Gurgurtaa Meeshaalee Ijaarsaa Ijaarsaa Kiyyaa 6 Giroosarii Emmuu qubee Giroosarii Immuu 7 Mana Nyaataa Haawii qube Mana Nyaataa Hawwii 8 Mana Gururtaa meeshale Elktrika qubee Mana Gurgurtaa meeshaalee Tsama'a Elektiiriikaa Tsama'aa 9 Mana Dabboo Asteet qubee Mana Daabboo Asteer 10 Meeshaalee seerluga Barreessaa Asteer 11M Mana Barumsa mooio faanaa saad qubee Mana barumsaa mojoo faanaa saad eesh 1ffaa 1ffaa aalee Barr eeffa ma Aste er 12 Mana Ittitu Salaam qubee Mana Itittuu Salaam 13 Mobaayila Hijiraa qubee Moobaayila Hijiraa 14 Jijjirraa Meshalee konkolaataa fi qubbee fi hamma Jijjiirraa Meeshaalee Konkoolaataa Bajaji RUHAMA Gug qub Fi Bajaajii Ruhamaa 15 KUUSSAA FARRA ILBSOTAA qubee KUUSAA FARRA ILBIISOTAA QOTEE BULTOOTA LUMEE QOTEE BULTOOTA LUMEE 16 Bimaa Mana Bareedina Rifeensa seerlug Mana Bareedina Rifeensa Dhiiraa Dhiiraa Bimaa 17 Mana Meeshaalee Ijaarsaa qubee Mana Meeshaalee Ijaarsaa Faamiliyii Faamilii 18 Mana Refinsaa Tamitaat haalluu fi qubee Mana Rifeenaa Taammiraat 19 Moobaayilaa Hijjiraa qubee Moobaayila Hijiraa 20 Kotta Buna Dhugaa qubee Koottaa Buna Dhugaa 21 Hospitaala Mojoo Saamaa sanbat seerlug Hospitaala Saamaa Sanbat Mojoo 22 Mana Ciiree Tesniim qubee Mana Nyaataa Tesniim 23 POOLII LAGGASAA qubee PUULII LAGGASAA 24 Supha Moobaayila Biruuk qubee Suphaa moobaayilaa Biruuk 25 Mana Foonii Fi Giroosarii qubee fi hamma Mana Foonii Fi Giroosarii BOGALEE gudd qub Booggaalee 28 26 Mana Midhaaginaa Dhiiraa qubee fi hamma MANA MIDHAAGINA GALAAKSII qubee DHIIRAA GALAAKSII 27 KILINIIKA G G TOONII qubee KILINIKA G/G TOONII 28 Dhaabbaata Walqunnamsisaa qubee Dhaabbata Walquunnamsiisaa Hojjechisaa fi Hojjetaa Abdisaa Hojjechiisaa fi Hojjetaa Abdiisaa 29 Wajjira Qonnaa Fi Qabeenya qubee Wajjira Qonnaa Fi Qabeenya uummamaa Aanaa Lumee Uumamaa Aanaa lume 30 Mana Ciree Fi Faast Fuuddii Kadiir qubee fi jijjiirraa Mana Ciree Fi Nyaata Ariifachiisaa kadiir 31 Mana Meeshaalee Ijaarsaa Amiiri qubee Mana Meeshaalee Ijaarsaa Amiirii 32 Giddu Gala Moobayilii Ameen qubee Giddu Gala Moobaayilii Ameen 33 Mana Isteeshinarii Inaayaas qubee fi jijjiirraa Kuusaa Meeshaalee Barreeffamaa Inaayaas 34 Baga Nagaan Dhuftan Juusii qubee Baga Nagaan Dhuftan Juusii Vaarayitii Vaaraayitii 35 Suphaa Aksassarrii Elektiroonikii qubee fi jijjiirraa Suphaa Waliin Gahiinsa Elektirooniksii 36 Mana Qorichaa Horii Daaki qubee Mana Qoricha Horii Daakii 37 Juusii Vaarayitii qubee Juusii Vaaraayitii Gabatee 3.1 Odeeffannoo fananaaman keessa barjaaleen rakkoo hin qabnee armaan gadiitti gabateen kaa'amanii jiru. Lakk Barreeffamoota Barjaalee Irraa fudhataman 1 Akkaadamii Hawwii Boruu 2 W/ra Aadaa Fi Turizimii Bul/magaalaa Mojoo 3 Mana Barreeffama Sorsee 4 Mana Gurgurtaa Jimaa Balaccee Asaffaa 5 Mana Gurgurtaa Qurxummii Teedii 6 Mana Foonii Coorraa 7 Bulchiinsa Magaalaa Mojoo Ganda 02 8 Hoteela Hundaa'ol 9 Mana Uffata Aadaa Kookeet 10 Mana Ciree Edeen 11 Mana Nyaataa 12 Dukkaana Qorichaa Saaroon 13 Baarii Fi Reestoraantii Tokkummaa 29 Gabatee 3.2 Odeeffannoowwan gabatee lamaan armaan olii keessatti waliitti qabaman gabatee armaan gadii keessatti bifa dhiibeentatiin lakkoofsan dhiyaataniiru. Lakk Rakkoowwan Barjaalee keessatti argaman Bayyina Dhibbeentaa 1 Qubee 22 45 2 Seerlugaa 5 10.20 3 Jijjiirraa 4 8.16 4 Haalluu 2 4.16 5 Hamma gurguddina qubee 3 6.25 6 Kan Rakkoo hin qabne 13 26.53 Gabatee 3.3 Walumaa galattii odeeffannoowwan gabatee sadan armaan olii keessatti qacceeffaman bifa giraafiitin armaan gadiitti dhiyaatera 3.3. Gahee Barjaalee guddina Afaaniif Qaban Guddina afaanii wantoota agarsiisan keessa tokko afaaniichii afaan barreeffamaa ta'udha.afaan oromoos sadarkaa inni kallatti guddinaatin agarsisaa jiru keessa tokko barreeffamoonni karaa adda addaatiin ittin barreeffamaa jiraachudha. odeeffannoo dhimma kanarratti karaa afgaaffiitin sassaabame haa laalluu. Namoonni tajaajila barbaachisaa afaan isaaniti barreeffame yeroo argatan itti gammaduu fi barreeffama biroos barreessuuf kaka'uumsa horaachu ni danda'a.kanaaf afaan tokoo bal'inan yoo ittin barreeffame ni guddata. kan biraan barjaaleen yemmuu barreeffaman saayinsii fi seera afaanii egaanii yoo barreeffaman namoota afaan oromoo dubbisuu danda'anii fi kan biroof, caasaa fi seerluga afaan oromoo maal akka ta'e hubachiisuu ni danda'u. Odeefkennaa B/saa Deessaa cimdeessaa Odeeffannoo olii irraa kan hubannu barreeffamni barreeffamu kamiyyuu hamma rakkoo hin qabaannetti gahee afaan tokko guddisu qabaachuu fi namoota barjaalee barreeffachuu barbaadan 30 afaan isaaniitin beeksiisota fi.barjaalee akka barreessaniif, kaka'umsa akka horaatif gahee qabaachuu fi saayinsiiwwan afaan oromoo keessatti argaman kallaatti adda addaan barreeffama keessatti hammataamun guddina afaaniif, karaa saaquu ni danda'a. kunis saayinsiin afaanii sirriin yoo barreeffama keessatti tajaala kennee guddina afaanii agarsiisuu danda'a Barreeffamoonni barjaalee irratti barreeffaman waaltiin loogaaf, gahee qabaachuu ni danda'a.Kunis gama barreeffaman yoo laallee afaan itti barreeffame loogaa naannoo murta'a yoo ta'e namoonni dubbisan loogaa haraa argaan sana baruun itti dhimaa bahuun akka waaltaa'u gochuu ni danda'u. Kan biraan yoo afaan waaltaa'een barraa'e immoo saffisa tajaajila loogaa waaltaa'ee tokkoo ni dabala. Odeefkennaan Tashoomaa Margaa Ogeessa Afaanii fi I/A/G/W/A/T Magaalaa Mojoo Yaada kanarra hubaachuu kan danda'umu barreeffamoonni barjaalee bifa beeksisaatin barraa'an gama waaltiinaatin gahee mataa isaani qabu.Kun kanneen afaan waaltaa'en barreeffaman rakkoo tokko malee tajaajila kan kennaan yoo ta'u. Kanneen loogaa naannootin barreeffaman immoo namoota biroo biratti beekamun carraa waaltaa'u argachu ni danda'u. 31 BOQONNAA AFUR 4. CUUNFAA, ARGANNOO FI FURAATA 4.1. Cuunfaa Qorannoon kun mata -duree Qaacceessa Barreeffamoota Afaan oromoo irratti kan gaggeeffame yoommu ta'u kaayyoo kana galmaan gahuuf, barreeffamoonni barjaalee magaalaa Mojoo ganda 01 fi 02 keessatti argaman irratti xiyyeeffatamaniru. Kunis kallatti odeeffannoo dhimma qorannoo kanaa funaanaman suuraadhan akka dookimantiitti fi bifa afgaaffiitin funaanama qindaa'aniiru. odeeffannoon qindeeffamaniis bifa lakkoofsaa fi allakkoofsaatin qaacceeffamaniru. Haala kanaan barjaalee barjaalee ulaagaalee akkamii guutachuu akka qabanii fi rakkoowwan ulaagaa barbaachiisoo yoo guutachuu baatan gahu danda'an akkasuma, rakkoowwan barjaalee magaalaa mojoo ganda 01 fi 02 keessatti argaman kanneen akka rakkoo qubee dubbaachiistuu dheereessuu fi gabaabsuu, dubbiifamaa jabeessuu fi laaffisuu, rakkoo fayyadama hudhaa, irra butaa, jijjiirraa fi rakkoo seerlugaa fa'a. Kana malees, gaheen barjaaleen gama guddina afaaniif qabaan qorannoo kana keessatti dhiyaatera. Kanuuman walqabate barjaaleen qubee fi caasaa sirriidhan yoo hin barreeffamne rakkoolee akka hiikaa biraa kennuu, hiikkaa dhabuu, jechoota safuu (qaanii) dabarsuu fi rakkoowwan gama jijjiiruuf jecha umaman ibsamaniiru. 4.2. Argaannoo Qoratan kun qorannoo yeroo gaggeessa tureetti gaaffiilee bu'uuraa irratti hunda'un argaannoowwan armaan gadii irra gaheera.  Ulaagaaleen barbaachiisoo kanneen akka haalluu, odeeffannoo barbaadame kennuu fi hawwaatummaa akka qabatan yoo ulaagaalee kanaa fi kanneen biroo warra barbaachiisoo hin guunne ta'e rakkoowwan akka ergaa biraa dabarsuu, jechoota safuu, jechoonni barreeffama mul'achuu dhabun odeeffannoo barbaachiisu kennuu dhabuu isaanii irra gahameera. 32  Rakkoowwan barreeffamoota barjaalee magaalaa mojoo gandoota 01 fi 02 irraa sassaabaman keessatti argaman kanneen akka rakkoo dubbaachiistuu iddoo malee dheereessuu fi gabaabsuu, dubbiifamaa iddoo malee jabeessuu fi laaffisuu, rakkoo jijjiirraa, itti fayyadama hudhaa fi irraa butaa fa'a kan qaban yoo ta'u. Barjaalee 50 akka iddaattootti fudhataman keessaa harkii ol aanu yookan lakkoofsaan 37 kan ta'an rakkoo akka qaban irra gahamera.  Barjaaleen barreeffaman jiraan akkuma barreeffamoota biraa gama guddina afaaniitin akka gahee qaban kunis gama fayyadamtoota afaaniitinii fi akkasuma, waaltiina loogaatin gumaacha isaan qaban ibsaamera. 4.3. Yaada Furmaataa Qorannoon kun argannoowwan armaan olii kana bu'uura godhaachudhaan yaada furmaataa ta'u jedhamani kanneen yaadaman kaa'amaniru kunis rakkoowwaan barjaalee magaalaa mojoo keessatti argamanii furuuf gumaachi qaamolee garagaraa murteessadha. Kanneen keessa kallattidhan qaamni mootummaa afaan kan abbuummaadhan too'atu waajjira aadaa fi tuuriziimii fi waajjira dhimma hawaasummaa yoo ta'u. Alkallattiidhan immoo hojjeettoota midiyaalee afaan oromoo, koree waaltina afaan oromoo fi ogeeyyii afaanii fa'aadha. Walumaagalatti ibsa olii kanan walqabsiise yaada furmaata ta'u kanneen danda'an qabxiileen armaan gadii ka'amaniiru.  Barreeffaman ergaa barbaanne tokko dabarfaachuuf, ulaagaawwan barbaachisaa ta'an guutun dhimma itti bahuun murteessadhaa.  Fayyadama dogoggora qubee hanbisuuf iddoo sirrii ta'eetti dheereessuu fi gababsuu, jabeessuu fi laaffiisuu, irra butaa, fi hudhaa bakka barbachiisutti fayyadamu.  Rakkoowwan karaa barreessitootaa fi barreessifattoota barreeffama barjaalee irratti umaman fooyyeessuuf, ogeeyyii afaanii, namoota dandeetti barreessuu qaban qaamni dhimmi ilaaluu hordoofun hayyaama hojii beeksisaa barjaalee barreessuu irraatti karaa sirrii ta'ee laachuu. 33 WABIILEE 34
Copyright © 2024 DOKUMEN.SITE Inc.